Kaabineen Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee murtoowwan garaagaraa dabarse
Finfinnee,Waxabajjii 27, 2017 (FMC) – Kaabineen Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Walga’ii idilee 13ffaa bara hojii 4ffaa taa’een ajandaalee afur irratti mari’achuun murtoo dabarseera.
Kaabineen magaalichaa jijjiirama saffisaa magaalichaa ilaalcha keessa galchuun baasii hir’isuuf, kenniinsa tajaajilaa fooyyessuufi bu’aa qabeessummaa guddisuuf fooyyessa labsii leenjiifi gochaa qaamolee raawwachiiftuu dhiyaate irratti mari’achuun Mana Maree Magaalichaaf akka dhiyaatuuf murtoo dabarseera.
Bu’uuruma Kanaan dameen tuurizimii of danda’ee komishiniin akka hundaa’u, Biiroon Diizaayiniifi Hojiilee Ijaarsaa fi Waajjirri Ijaarsa Piroojektoota Gurguddoo walitti akka makaman, Waajjirri Tirast Fandii Hawaasummaa Komishinii Qindeessaa Hirmaannaa Hawaasaafi Tola Ooltummaa waliin akka walitti makamu murteesseera.
Akkasumas Biiroon Miidhagina Magaalaafi Misooma Magariisaa hojii misooma manneen fincaanii uummataa Abbaa Taayitaa Bishaaniifi Dhangala’aaf dabarsuu irratti fooyya’iinsi taasifamee Mana Maree Magaalichaaf akka dhiyaatu murteesseera.
Kana malees qorannoo daangaa bulchiinsa aanaalee sadii mijattummaa bulchiinsaa, waliin gahiinsa tajaajilaafi baasii hir’isuu haala dandeessisuun Biiroo Misooma Pilaaniin dhiyaate irratti mari’achuun sagalee guutuun raggaasiseera.
Kaabineen magaalichaa hanga kaffaltii inshuraansii fayyaa hawaasaa Biiroo Fayyaan dhiyaate irrattis mari’achuun murtoo dabarsuu Biiroon Kominikeeshinii magaalichaa Faanaa Diijitaaliif ibseera.
Xumurarrattis kaabineen magaalichaa gaaffii misooma lafaa piroojektoota faayidaa biyyaalessaa qaban irratti mari’achuun raggaasiseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.