Fana: At a Speed of Life!

Kaabineen Magaalaa Finfinnee Murtoowwan dabarse

Finfinnee, Hagayya 9, 2017 (FMC)- Kaabineen Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee walga’ii idiilee 1ffaa waggaa 5ffaa gaggeeseera.

Guyyaa har’aa ajandaalee garaagaraa 4 dhiyaatanirratti mari’achuun murtoowwan dabarseera.

Haaluma kanaan ,qorannoo bakka of danda’ee misoomu bal’inaa fi dheerina dhiyaaterratti mari’achuun, guddina magaalaa yaada keessa galchuun hojiirra oolmaan isaa mijaataa ta’uu qorannoon waan dhiyaateef faayidaan qabu olaanaa ta’uu isaan murtoo dabarseera.

Wixinee labsii Dambii Misooma Koriidariin kan misooman bu’uuraalee misoomaa garaagaraa fi misooma qarqara Lagaaf Abbaa Taayitaa bulchiinsa Misoomaa hundeessuuf dhiyaaterratti mari’achuun,bulchuu, tajaajila Kennuu, qindeessuu fi itti gaafatamummaa akka qabaatuuf ta’ee akka dhaabbatu murtoon darbeera.

Bulchiinsi Qabiyyee Lafaa Magaalaa Finfinnee qaamni seera qabeessi osoo hin eeyyamiini fi qabiyyeewwan qabamanii jiran yeroo tajaajilaa dheeressuuf yaada murtoo dhiyaaterrattis mari’achuun murtoo dabarseera.

Piroojektoota faayidaa biyyaalessaa qabani fi dhaabbilee misooma Indaastirii irratti hirmaachuuf gaaffii lafaa dhiyaateerratti mari’achuun murtoo dabarseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.