Kaantiibaa Adaanech Abeebeen Abbootii amantaa Ortodoksii Waloomaa waliin mari’atan
Finfinnee, Amajjii 8, 2017 (FMC) – Kaantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen Abbootii amantaa Ortodoksii Waloomaa waliin mari’ataniiru.
Ayyaanni Cuuphaa duudhaa amantummaa isaa eegee haala hoo’aa ta’een akka kabajamu taasisuuf abbootii amantaa kanneen waliin mari’anneerra jedhan Aadde Adaanech fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.
Ayyaanichi duudhaa amantummaa isaa akkaataa eegeen akka kabajamu qaamni hundi qooda irraa eegamu akka bahu waamicha dhiyeessaniiru.
#Oromiyaa #Ethiopia