Kaayyoo fi Maalummaa Mana Murtii Aadaa
Finfinnee,Waxabajjii 27, 2017 (FMC) – Mala aadaatiin wal-diddaa hiikuun Itiyoophiyaa dabalatee biyyoota Afrikaa hedduu keessatti jaarraa hedduuf dhimma itti bahamaa tureera.
Mala aadaan wal-diddaa hiikuun yeroo hedduu sirna aadaa irratti kan hundaa’u ta’ee seera aadaafi barmaatilee hin barreeffamneefi dhalootaa dhalootatti darbu ta’uu Inistitiyuutii Leenjiifi Qorannoo Seeraa Oromiyaatti Leenjisaan Seeraa obbo Milkii Makuriyaan Faanaa Diijitaaliitti himaniiru.
Seerri aadaa fi duudhaan hawaasa tokko keessatti hundee gadi fagoo kan qabu yoo ta’u, yeroo baay’ee waldhabdee lafaa, maatii fi dhimmoota biroo wajjiin walqabatu furuuf kan ooludha.
Manneen Murtii Aadaa manneen murtii idilee caalaa dhaqqabamaafi baasii olaanaaf kan nama hin saaxille waan ta’aniif, namoota hedduudhaaf bakka haqa haala salphaan itti argatanidha.
Sirnoonni haqaa aadaa to’annoo mootummaatiin alatti socho’uu kan danda’an ta’us, biyyoota tokko tokko keessatti akka qaama sirna seeraa biyyaattiitti seeraan beekamtii argatu.
Mala aadaatiin wal-diddaa hiikuun aadaa naannoo irratti hundaa’uun bakkaa bakkatti amalaa fi bifaan garaagar ta’uu danda’us, adeemsi isaan ittiin wal-diddaa hiikan seera aadaa giddugaleessa kan godhatudha.
Dabalataanis, sirna haqa aadaa keessatti araaraa fi waliin jireenya hawaasaaf xiyyeeffannoo fi dursi ni kennama.
Heerri Mootummaa Naannoo Oromiyaas hundeeffamuu Mana Murtii Aadaatiif beekamtii kennee jira.
Manni Murtii Aadaa hawaasni seera aadaa fi duudhaa bu’uureffachuun waldiddaa akka hiikkatu taasisuu, sirna haqaa seera aadaa dhugaa fi haqa baasuu irratti fooyya’aa ta’ee fi hariiroo hawaasummaa cimsuu danda’u hojiirra oolchuu dandeessisu diriirsuufi.
Akkasumas tajaajila haqaa dhaqqabamaa, salphaa, baasii xiqqaa ta’een argamu akka jiraatu taasisuuf kaayyeffatee fi akka biyyaatti isa jalqabaa ta’e Naannoo Oromiyaa keessatti labsiin hundeeffamee erga hojii eegalee waggoota sadii ta’eera.
Haaluma kanaan Manneen Murtii Aadaa kunneen hojiilee bal’aa hojjechaa jiru.
Uummannis manneen murtii aadaa kanatti sadarkaa olaanaan gargaaramaa jira.
Guddina Manneen Murtii Aadaa Oromiyaa agarsiisaa jiranii fi baay’inni dhimmoota manneen murtii kanaan ilaalaman dabalaa dhufeera.
Bu’aa manneen murtii kana irraa argamuu caalmaatti guddisuun barbaachisaadha.
Manneen Murtii Aadaa Oromiyaa dhiheenya kan hundeeffaman ta’us hanga ammaatti haala jiruun bu’aa isaanii gama mirga haqa argachuu, dhugaa barbaaduu, araaraa fi hariiroo hawaasummaa waldhabdootaa cimsuu, haqa deebisanii dhaabuu fi bulchiinsa sirna haqaa naannichaa irratti fidan giddu galeessa godhachuun ciminaalee fi hanqinoota mul’atan adda baasuun barbaachiisadha.
Tajaajilli Mana Murtii Aadaa adeemsa salphaa waan hordofuuf hawaasni afaan ofii fi jaarsoolii ofii beekuun tajaaila haqaa argachaa jiraachuun bu’aawwan argaman gurguddoo ta’uu kaasan obbo Milkiin.
Tsahaay Gulummaatiin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.