Kaayyoon keenya hirkatummaa fi eeggatummaa itti fufsiisuu osoo hin taane Afrikaan akka of dandeessu taasisuudha- Jii’oorjiiyaa Meeloonii
Finfinnee, Adoolessa 21, 2017 (FMC) – Kaayyoon keenya hirkaatummaa fi eeggatummaa itti fufsiisuu osoo hin taane Afrikaan akka of dandeessu taasisuudha jedhan Ministirri Muummee Xaaliyaanii Jii’oorjiiyaa Meelooniin.
Jii’oorjiiyaa Meelooniin Yaa’ii 2ffaa Sirna Nyaataa Mootummoota Gamtoomanii Finfinneetti gaggeeffamaa jirurratti haasawaa taasisaniiru.
Itiyoophiyaan yaa’ichaa akka qopheessituuf kan filatamte damichaan hojii ajaa’ibsiisaa hojjechuufi Afrikaanootaaf gahee qabdun galmoota Sirna nyaataa galmaan akka geessu itti amanuun ta’uu dubbataniiru.
Itiyoophiyaan damichaan milkaa’inni galmeessite kan dinqisifatamuu ta’uu kaasuun, oomishtummaa fi daldala haqaa qabeessa cimsuun barbaachiisaadha jedhan.
Birmaadummaa nyaataa wayita ammaa addunyaarra %10 kan hin caallee fi sadarkaa olaanaan kan jiru Afrikaa keessa ta’uu ibsuun, rakkicha furuuf qooda fudhattoota waliin qindoominaan hojjechuu kan gaafatu ta’uu hubachiisaniiru.
Adeemsi Afrikaan nyaataan of danda’uuf taasistuu akka milkaa’uuf biyyi isaanii fi Gamtaan Awurooppaa deeggarsa kan taasisan ta’uu dubbataniiru.
Kaayyoon keenya Afrikaan deeggaramtuu taatee akka itti fuftu osoo hin taane Ardii Nyaataan of dandeessu akka taatuuf jedhan.
Jii’oorjiiyaa Meelooniin haasawaa isaaniin Sirni Nyaataa walgituu dhabuun mallattoo hiyyummaa miti jechuun, Birmadummaan nyaataa madaallii anniisaa sirreessuun murannoo siyaasaa hundarra eegamuudha jedhan.
Masaafinti Birilleetu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.