Fana: At a Speed of Life!

Kabaja Ayyaana Waggaa Qullubbii Gabre’eliif qophiin gahaan taasifame

Finfinnee, Adoolessa 17, 2017(FMC)- Ayyaanni Waggaa Qullubbii Gabre’elii milkaa’inaan akka kabajamuuf qophiin gahaan taasifameera jedhe Koomaandi Poostiin Nageenyaa Ayyaanichaa.

Ayyaanni kun karaa milkaa’ina qabuun akka kabajamuuf qaamolee nageenyaa garaagaraa waliin hojjetamaa turuu Ajajaan Poolisii Godina Harargee Bahaafi Walitti qabaan Koomaandichaa Gargaaraan Koomishinaraa Naasir Mahaammad Faanaa Miidiyaa Korporeeshiniitti himaniiru.

Kutaalee hawaasaa naannawichaa waliin haala ayyaanichi milkaa’inaan kabajamuu danda’urrattis mari’atamuu kaasanii, gama hojii tiraafikaanis hojiileen qophiin duraa xumuramaniiru jedhan.

Keessummoonni ayyaanicha kabajuuf bakkeewwan garaagaraarraa dhufan seera tiraafikaa kabajuun konkolaachisuu akka qabanis hubachiisaniiru.

Hawaasnis wayita wantoota shakkisiisoo ta’an argu qaamolee nageenyaatti beeksisuun milkaa’ina ayyaanichaaf gaheesaa akka bahatu gaafataniiru.

Tasfaayee Hayiluutu Gabaase.

Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.