Kabaja Guyyaa Saboota, Sablammootaafi Uummattootaa 20ffaa sababeeffachuun Magaalaa Hosaa’inaatti Siimpooziyeemiin gaggeeffamaa jira
Finfinnee, Sadaasa 28, 2018 (FMC)- Kabaja Guyyaa Saboota, Sablammootaafi Uummattoota Itiyoophiyaa 20ffaa sababeeffachuun Magaalaa Hosaa’inaatti Siimpooziyeemiin gaggeeffamaa jira.
Siimpooziyeemii kanarratti Af-yaa’ii Mana Maree Federeeshinii obbo Aganyahu Tashaagar, Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa, Pirezidaantii Naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaa Dooktar Indaashaaw Xaasoo dabalatee hoggantoonni olaanoon mootummaa biroon argamaniiru.
Kabajni Guyyaa Saboota, Sablammootaafi Uummattoota Itiyoophiyaa 20ffaan mata duree “ Waliigaltee Dimookiraatawaa Tokkummaa Sbadaneessaaf “ jedhuun Naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaa Magaalaa Hosaa’inaatti gaggeeffamaa jira.
Gammachuu Beekumaatu Gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.