Fana: At a Speed of Life!

Kalaqaa fi ariitii, tarsiimoo ce’umsa maraammartoo caasawaa…

Finfinnee, Bitootessa 17, 2018(FMC) – Mootummaan Ida’amuu maraammartoo fi joonjii rakkoo Cabiinsa Sirnaa barootaaf ture keessaa ba’uuf kalaqaa fi ariitii akka falaatti hojiirra oolchaa jira jedhan pirezidaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa.

Guutummaan ergaa pirezidaanti Shimallis fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsan akka itti aanutti dhiyaateera:

𝐊𝐀𝐋𝐀𝐐𝐀𝐀𝐅𝐈 𝐀𝐑𝐈𝐈𝐓𝐈𝐈: 𝐓𝐀𝐑𝐒𝐈𝐈𝐌𝐎𝐎 𝐂𝐄’𝐔𝐔𝐌𝐒𝐀 𝐌𝐀𝐑𝐀𝐀𝐌𝐌𝐀𝐑𝐓𝐎𝐎 𝐂𝐀𝐀𝐒𝐀𝐖𝐀𝐀

Kutaa tokkoffaa keessatti, “Cabiinsa Sirnaa” barootaaf nulaamshesseefi madda cabiinsichaa gadi-fageenyaan xiinxaluun keenya niyaadatama. Sirni siyaas-dinagdeefi hawaasummaa jaarraalee lakkoofsisan keessatti caaseffame, dandeettii of-haaromsuu dhabee ture. Dhukkubni caasawaa akkasii suphaa yerootiin ykn qoricha haara-galfii (painkillers)’tiin hinfayyu. Cabiinsi bu’uuraa, waldhaansa bu’uuraa (radical intervention) gaafata.

Gaaffiin ijoon har’a fuuldura keenya jiru: “maraammartoo jaanjessaa kana cabsinee ba’uun, imala utaalchoo (leapfrogging) keessa galuun nidanda’amaa?” kan jedhudha. Mootummaan Ida’amuu gaaffii kanaaf deebii tarsiima’aa lama nuuf kaa’a: 𝐊𝐀𝐋𝐀𝐐𝐀 yaada haaraa irratti hundaa’eefi 𝐀𝐑𝐈𝐈𝐓𝐈𝐈 jijjiirama utaalchoo fiduuf nudandeessisu.

1. 𝐂𝐚𝐛𝐢𝐢𝐧𝐬𝐚 𝐁𝐞𝐞𝐤𝐮𝐦𝐬𝐚𝐚: 𝐁𝐢𝐫𝐦𝐚𝐝𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚 𝐘𝐚𝐚𝐝𝐚𝐚 𝐃𝐡𝐮𝐠𝐨𝐨𝐦𝐬𝐮𝐮
Biyyi keenya dimimmisa hubannoofi 𝒄𝒂𝒃𝒊𝒊𝒏𝒔𝒂 𝒔𝒊𝒓𝒏𝒂 𝒃𝒆𝒆𝒌𝒖𝒎𝒔𝒂𝒂 (epistemological break) keessa turte. Rakkoo hubannoo moofaatiin uumame, deebisnee hubannoo moofaa sanaan furuun goonkumaa hindanda’amu. Yaadamni Ida’amuu fooyya’iinsa sirna moofaa dabalaa deemuu (incremental change) miti; sirna beekumsaa moofarraa (an epistemological break from the past) adda bahuudha. Kunis beekumsa keenya kaleessaa tuffachuu osoo hintaane sirna beekumsa kaleessaa jijjiiruun (epistemic shift) gaarii isaa xiinxallee, dadhabina isaa ammoo kalaqa haaraan hiiknee gara carraatti jijjiiruudha.

Waggoota dheeraaf, biyyi keenya gidduugala morkii yaadamota ilaanyaa ergifataa (ideological dumping ground) turte. Yaadamoonni Bahaafi Lixaa irraa ergifataman, umama hawaasummaa, dinagdeefi seenaa keenyaa malee kan nurratti fe’amaan turan. Kanarraa kan ka’e, dhalonni keenya rakkoo mataa isaa hiikuu mannaa, yaadama ilaanyaa ummata biroo irratti walfalmuufi walwaraanuun baroota qisaasessera.

Yaadamni Ida’amuu, kiyyoo “yaadama ergisaa” dhaloota walficcisiisu sana ofirraa ciruun, sirna beekumsaa haaraa kalaqaan masakame diriirsuu irratti hundaa’a. Kun imala 𝐁𝐢𝐫𝐦𝐚𝐝𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚 𝐘𝐚𝐚𝐝𝐚𝐚 (𝐈𝐧𝐭𝐞𝐥𝐥𝐞𝐜𝐭𝐮𝐚𝐥 𝐒𝐨𝐯𝐞𝐫𝐞𝐢𝐠𝐧𝐭𝐲)’ti. Fudhatamummaan yaada tokkoo maqeeffama (labels) osoo hintaane, raawwatamummaa (pragmatism) haala ummata keenyaa geeddaru qabaachuu isaa irratti hundaa’a.

2. 𝐔𝐭𝐚𝐚𝐥𝐜𝐡𝐨𝐨 (𝐋𝐞𝐚𝐩𝐟𝐫𝐨𝐠𝐠𝐢𝐧𝐠): 𝐁𝐚𝐫𝐟𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮𝐧 𝐂𝐚𝐫𝐫𝐚𝐚𝐝𝐡𝐚𝐚?
Addunyaa teknoolojiifi saayinsiin fulduratti rurubutu keessatti, suuta deemanii dhaqqabuun waan yaadamuu miti. Yaadamni Ida’amuu, “barfachuun hundi ba’aa miti; carraallee nita’a” jedhee amana. Sababiin isaas, dogoggoroota biyyoonni duursan raawwatan keessa osoo hinseenin, teknoolojiiwwan ammayyaa (AI, Precision Agriculture, Digital Economy, Digital Service) fayyadamnee kallattiin gara qarooma dhaloota shanaffaatti utaaluu (Leapfrog) waan nudandeessisuufi.

Qonna keenya gateettii qotiyyoorraa gara qonna ammayyaatti, dinagdee keenya tajaajila harkifataarraa gara dinagdee dijiitaalatti, akkasumas industirii keenya hirkattummaa galtee alaa irraa gara walitti hidhamiinsa caasawaa keessootti ceesisuuf 𝐀𝐫𝐢𝐢𝐭𝐢𝐢 hirkattummaa cabsu nugaafata. Saffisni (speed) qofti ga’aa miti; 𝐀𝐫𝐢𝐢𝐭𝐢𝐢 (𝐯𝐞𝐥𝐨𝐜𝐢𝐭𝐲) kallattii sirriifi xiyyeeffannoo tarsiima’aa qabutu nubarbaachisa.

3. 𝐖𝐚𝐥𝐬𝐢𝐦𝐚 𝐂𝐚𝐚𝐬𝐚𝐰𝐚𝐚 (𝐒𝐭𝐫𝐮𝐜𝐭𝐮𝐫𝐚𝐥 𝐀𝐥𝐢𝐠𝐧𝐦𝐞𝐧𝐭)
Cabiinsi sirnaa numuudate walsima dhabuu caasaa olaanaa (siyaasaa/dhaabbilee)’fi bu’uura dinagdee gidduutti umame irraa madda. Mootummaan Ida’amuu “caasaa gargaaraa” (supportive architecture) diriirsuudhaan dinagdeen keenya akka rurubutu taasisuu kaayyeffata. Kunis, mootummaa to’atoo qofa osoo hintaane, 𝐌𝐨𝐨𝐭𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚 𝐃𝐚𝐧𝐝𝐞𝐞𝐬𝐬𝐢𝐬𝐚𝐚 uumuudhaan ifa. Dameen dhuunfaa akka mootora dinagdeetti, dargaggoonni keenya akka madda kalaqaatti, qonnaan bulaan keenya ammoo akka utubaa indastiriitti caasaa walsime keessatti akka qindaa’an taasisuuf dhaabbata.

4. 𝐖𝐚𝐚𝐝𝐚𝐚 𝐒𝐞𝐞𝐧𝐚𝐚: 𝐆𝐚𝐚𝐟𝐚𝐭𝐚𝐦𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚 𝐇𝐨𝐠𝐠𝐚𝐧𝐬𝐚𝐚
Cabiinsa sirnaa baroota dheeraaf ture hiikuu dhabuun hiree haqa-qabeessa ummanni keenya wareegama olaanaan goonfate kana qisaasessuudha. Kun ammoo cabiinsa sirnaa ture hammeessuu cinaatti hoggansa kanaaf bullukkoo qaaniifi abaarsa bara baraati. Dhimmamtoonni ummataa, keessumaa hoggansi Mootummaa Ida’amuu, dhodhommoqqii tokko malee socho’ee 𝐖𝐚𝐚𝐝𝐚𝐚 𝐒𝐞𝐞𝐧𝐚𝐚 dhalootaaf gale galmaan gahuu qaba.

Gama birootiin, cichinee yooqabannne, yeroo kurnee lamaa sadii hincaalle keessatti maatii hunda biratti badhaadhina hundagaleessa dhugoomsuun nidanda’ama.

𝐆𝐨𝐨𝐥𝐚𝐛𝐚:
Hoggansi keenya muldhataafi ga’uumsa Mootummaa Ida’amuu egeree ummataafi biyya keenyaa shorooru qabatee tarkaanfii jalqabe cimsee ittifufuu qaba. Cabiinsa sirnaafi maraammartoo hiyyummaa Kalaqaafi Ariitii kanaan diignee, dhaloota birmadummaa yaadaafi dinagdee qabu ijaaruun waadaa hinreeqqifnedha.

Kutaa ittaanuun, caasaa siyaas-dinagdee ligdaa’aa kana diignee, ijaarsa haaraa eegalle fiixan baasuu keessatti carraalee qabnuufi gufuulee irraa of-qusachuun barbaachisu gadi-fageenyaan kan ilaallu ta’a.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.