Kalaqaa fi hojiilee kalaqaa jajjabeessuun itti fufa
Finfinnee, Sadaasa 27, 2018 (FMC) – Sagantaan cufiinsa dorgommii Kalaqaa mata duree ‘leenjisuu, badhaasuu, ga’oomsuu’ jedhuun dorgomamaa ture gaggeeffamaa jira.
Qopheessummaa Ministeer Hojii fi Ogummaa guyyoota kurnan darbaniif dorgomamaa kan ture har’a bakka hoggantoonni mootummaa, dorgomtoonnii fi qaamoleen dhimmi ilaallatu argamanitti sagantaan cufiinsaa raawwatamaa jira.
Kalaqni ijaarsa biyaaf bu’uura ta’uu Ministir Deetaan Ministeerichaa Salamoon Sokkaan ergaa saganticharratti dabarsaniin himaniiru.
Dargaggoonni biyyaaf bu’aa olaanaa buusaan jiraachuu dorgommichaan hubanneerra jedhan.
Yeroo itti aanus kalaqaa fi hojiilee kalaqaa jajjabeessuun cimee kan itti fufu ta’uu mirkaneessan.
Dorgommii kanarratti dorgomtoonni 222 hirmaachuu fi 100 injifattoota ta’uu Daayrekterri Olaanaan Inistiityuutii Misooma Interpirunershii Hasan Huseen dubbataniiru.
Sagantichaan hanga ammaatti kalaqoonni kumni 1 fi 350 badhaafamuu kaasan.
Soosinnaa Alamaayehutu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.