Fana: At a Speed of Life!

Kallattiin diinagdee damdaneessaa paartii keenyaa bu’aa qabeessa ta’aa jira- Obbo Adam Faaraah

Finfinnee, Amajjii 5, 2018 (FMC) – Kallattiin diinagdee damdaneessaa paartii keenyaa bu’aa qabeessa ta’aa jira jedhan Pirezidaantii Itti aanaa Paartii Badhaadhinaafi Hogganaan Waajjira Muummee Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah.

Jilli garee hoggansa olaanoo federaalaafi naannolee Paartii Badhaadhinaa obbo Adam Faaraah’n durfamu Naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaa Godina Guraagee Bahaatti hojiilee misoomaa daawwateera.

Hoggantoonni kunneen magaalaa Buttaajiraatti giddugala fooyyessa sanyii avokaadoo‎, pirojektii qarqara lagaa, waldaa horsiisa kanniisaa Qashti fi Gaarmeentii Dastaa daawwataniiru.

Obbo Adam Faaraah wayita kana hojiileen dameewwan Ashaaraa Magariisaa, Maaddii Guutuu, Misooma Kooriidarii fi indaastirii manuufakchariingiin hojjetamaa jiran yaadamni paartichaa hojiirra oolaa jiraachuufi bu’aa qabeessa ta’uu kan agarsiisan akka ta’e ibsaniiru.

Dhaabbilee damee indaastarii manuufaakchariingiin oomishaalee garaagaraa oomishuun gabaa alaaf dhiyaassan arguun ce’umsa Itiyoophiyaan damee indaastiriin taasisaa jirtu abdachiisaa akka ta’e kan agarsiisu ta’uus kaasaniiru.

Kallattiin diinagdee damdaneessaa diinagdee biyyaa deeggaruurra darbee lammiilee hedduuf carraa hojii uumuu ibsuusaanii ragaan Paartii Badhaadhinaarraa argame ni mul’isa.

Waltajjiin gamaaggamaa raawwii baatiiwwan jahan darbanii paartichaa boru irraa eegalee magaalaa Hoosaa’inaatti kan gaggeeffamu ta’uunis ibsameera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.