Kantibaa Adaanech Abeebeen kutaalee hawaasaa harka qalleeyyiif mana jireenyaa dabarsan
Finfinnee, Ebla 3, 2018(FMC) – Kantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen Ayyaana Sooma Hiikaa sababeeffachuun kutaalee hawaasaa harka qalleeyyiif mana jireenyaa dabarsaniiru.
Kutaalee hawaasaa harka qalleeyyii, qaama miidhamtootaa fi namoota biyyaaf oolmaa oolaniif mana jireenyaa ammayyaa dabarsaniiru.
Giddugala Dippiloomaasii kan taate magaalaa Finfinneetti manneen jireenyaa dabalatee piroojketoonni adda addaa hedduun ijaaramuu ibsan.
Har’a Gamoo Mana jireenyaa abbaa darbii 4 Kutaa Magaalaa Booleetti ijaarame abbootii warraa 40’f dabarsuu ibsan Kantibaa Adaanech Abeebeen.
Gamoo Mana jireenyaa kan Baankiin Oromiyaa Birrii miiliyoona 80 ijaaruu ibsame.