Fana: At a Speed of Life!

Kantiibaa Adaanech Abeebee Ayyaana Faasikaa Sababeeffachuun maaddii qoodan

Finfinnee, Eebla 4, 2018 (FMC) – Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee, Goddugala Nyaachisa Tesfaa Birhaani kan kutaa magaalaa Gullalleetti argamutti hawaasa harka qalleeyyii waliin maaddii qooddachuun ayyaana Faasikaa kabajaniiru.

Kantiibaa Adaanech yeroo kanatti, ayyaanicha yommuu kabajnu dhaabbilee akkasii qaamolee adda addaa waliin tumsuun ijaaruudhaan, jaalala lammiif qabnu ibsuun duudhaalee hawaasummaa cimsuu qabna jechuun dubbatan.

Ayyaanni kun kan Yesuus Kiristoos jaalala ilmaan namootaaf qabu garaagarummaa tokko malee itti agarsiise waan ta’eef, guyyicha wal-deeggaruun fi wal-gargaaruun dabarsuun kaayyoo kanaaf jiraachuu akka barbaachisu hubachiisaniiru.

Gama biraatiin, Aadde Adaanech, kutaa magaalaa Gullallee naannoo Shiroomeedaatti wiirtuu nyaachisa Tesfaa Birhaanii 27ffaa eebbisuun hojii eegalchiisaniiru.

Babaldhachuun wiirtuulee nyaachisaa kun xiyyeeffannoo mootummaan rakkoolee hawaasummaa lammiilee furuuf kenne kan agarsiisu ta’uus ibsaniiru.

Jamaal Ahimad’tu gabaase

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.