Kantiibaa Adaanech Abeebee hojjettoota pirojeektota gurguddoo magaalattii waliin ayyaana kabajan
Finfinnee, Ebla 4, 2018 (FMC) – Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee ayyaana Faasikaa hojjattoota pirojektoota gurguddoo magaalattii waliin maaddii qooddachuun kabajaniiru.
Fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin, ogeeyyiin pirojeektota gurguddoo magaalattii dhugoomsaajiran keessa hojjetan boqonnaa malee torban guutuu hojjetaa akka jiran ibsaniiru.
Ogeeyyii fi hojjettoota kilaastera indaastirii Aqaaqii guyyaa ayyaanaa dabalatee hojjetaa jiran waliin maaddii qooddachuun ayyaana Du’aa-ka’uu waliin kabajneerra jedhan.
Hojjechuun nama kqbajchiisa, hiyyummaa salphisa kan jedhan Aadde Adaanech, ayyaanni keenya guutuu kan ta’u hojjennee yoo guddannee dha jettanii guyyaa fi halkan utuu hin jedhin har’as hojiin kan dabarsitan hundi baga geessan jedhaniiru.
Ayyaana kana waliin taanee yoo maaddii qooddannu Uummataa fi guddina magaalaa keessaniif gumaacha gootaniifi dadhabbii keessaniif beekamtii kennuu fi jabaadhaa jechuuf dha jechuun ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia