Fana: At a Speed of Life!

Kantiibaa Adaanech Abeebeen Lammiilee rakkoo Hawaasummaa garaagaraaf saaxilamaniif mana jireenyaa kennan

Finfinnee, Bitootessa 2, 2018 (FMC)- Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen Gamoo ammayyaa Abbaa darbii 4 kutaa Magaalaa Lidataatti ijaaraman lammiilee rakkoo hawaasummaaf saaxilaman, galii gadi aanaa argatan, Qaama miidhamtootaa fi namoota biyyaaf oolmaa gaarii oolaniif kennaniiru.

Kantiibaa Adaanech Abeebeen gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin, har’a ganama Gamoo ammayyaa Abbaa Darbii 4 kutaa Magaalaa Lidataatti ijaaraman lammiilee rakkoo hawaasummaaf saaxilaman, galii gadi aanaa argatan, qaama miidhamtoota, namoota biyyaaf oolmaa gaarii oolanii fi sababa misoomaan mana gandaa keessa bahaniif mana jireenyaa kennuu ibsaniiru.

Aadde Adaanech Magaalaan Finfinnee hojiilee namarratti xiyyeeffataniin fakkeenya taateettis jedhan.

Hojiin namarratti xiyyeeffate Kabajamoo Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadiin qajeelfamni erga itti kennamee as waggoottan torban darban Manneen kuma 45 ol harka qalleeyyiif ijaaruu dandeenyeerra jedhan.

Tola ooltoota hirmaachiisuun baatii 4 keessatti kan xumurame manni waliin jireenyaa kun manneen turan 5 kaasuun abbootiin warraa 70 mana jireenyaa akka argatan taasifamuu kaasaniiru

Kunis miira dhabdummaa keessaa bahuun bakkewwan jiranitti sirnaan fayyadamuun bu’aa olaanaa fiduun akka danda’amu agarsiiftuu ta’uu eeruun, manneen kunneen sadarkaa qulqullinaa olaanaan kan ijaaraman ta’uu himaniiru.

Ijaarsi gamichaa sadarkaa qulqullinaa kan eege, qaama miidhamtootaaf mijataa, kabaja lammiilee kan madaluu fi meeshaalee ammayyaa mana keessaa guutuu kan qabu ta’uu ibsaniiru.

Magaalaan keenya hundaaf ni geessi, waliiyaaduu fi jaalalli yoo jiraate immoo caalmaatti hojjechuun ni danda’ama jedhan Aadde Adaanech .

Kantiibaa Adaanech Abeebeen hoggantoota, dhaabbiilee fi abbotii qabeenyaa hojii kanarratti hirmaatan hunda galateeffataniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.