Kantiibaa Adaanech Abeebeen Miseensota Mana Maree Magaalaa Finfinnee waliin biqiltuu dhaaban
Finfinnee, Adoolessa 5, 2017(FMC)- Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen miseensota Mana Maree bulchiinsa magaalichaa waliin gaara Inxooxxoorratti biqiltuu dhaabaniiru.
Yaa’iin idilee 4ffaa bara hojii 4ffaa Mana Maree Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee gaggeeffamaa jira.
Oolmaan guyyaa lammaffaa yaa’ii mana marichaa osoo hin eegaliin dura mata duree ‘dhaabuun bayyanachuu’ jedhuun qaama sagantaa ashaaraa magariisaa 7ffaa kan ta’e sagantaan dhaabbii biqiltuu gaggeeffameera.
Sagantaa Kanaan Kantiibaa Adaanech Abeebee, miseensota Mana Marichaafi hoggantoonni olaanoon biroon ashaaraa isaanii kaa’aniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.