Kantiibaa Adaanech Abeebeen Tajaajila Giddugala Tokkoo Masoob damee Boolee hojii eegalchiisan
Finfinnee, Fulbaana 28, 2018(FMC) – Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen Tajaajila Giddugala Tokkoo Masoob damee Boolee hojii eegalchiisaniiru.
Komii ummataa kan ture rakkoo tajaajilaa hiikuuf mootummaan xiyyeeffannoo addaan hojjetaa jiraachuu Kantiibaa Adaanech saganticharratti haasawa taasisaniin dubbataniiru.
Tajaajila Giddugala Tokkoo Masoob Finfinnee Qaammee 5 hojii eegale dabalataan kutaalee magaalichaa hundatti babal’isuuf hojjetamaa jiraachuu eeran.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.