Fana: At a Speed of Life!

Kantiibaan magaalaa Finfinnee Guyyaa Gamtaa sababeeffachuun maaddii qoodan

Finfinnee, Qaammee 2, 2017(FMC) – Kantiibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen Qaammee 2 Guyyaa Gamtaa sababeeffachuun jiraattota magaalichaa kuma 500 oliif maaddii qoodaniiru.

Kantiibaa Adaanech fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin, har’a jiraattota magaalattii kuma 500 caalaniif maaddii qoodneerra jedhan.

Waqtii gannaas harka qalleeyyii nama isaan xooru hinqabne, namoota biyyaaf waan gaarii hojjetanii turanii fi galii gadi aanaa argatan qaamolee hawaasaa kuma 100 fi kuma 56 ta’an gargaaraa turreerras jedhan.

Lammiileen rakkoolee yerootiin akka hinmiidhamneef bifa adda addaan deeggeraa turuus himanii, hiyyummaa keessaa waaraan akka ba’aniif hojiilee misoomaa boqonnaa malee hojjetaa jiraachuu hubachiisan.

Waldeeggeruun, walgargaaruu fi deeggersa warreen rakkoo hawaasummaa qabaniif kenninu cimsinee itti fufna kan jedhan Aadde Adaanech, dureeyyii bulchiinsa magaalichaa cina dhaabbachuun waan qaban irraa qoodan fi dargaggoota magaalattii galateeffataniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.