Karoora hiixataa hojiirra oolaa jiruun jijjiramni hundagaleessa galmaa’aa jira-Obbo Kaffaaloo Tafarraa
Finfinnee, Guraandhala 7, 2017 (FMC)- Karoora hiixataa carraawwan misoomuu giddugaleeffachuun qindoomina humnoota walootiin hojiirra oolaa jiruun, jijjiramni hunda galeessa fayyadamummaa ummataa mirkaneesse galmaa’aa akka jiru Hogganaan Waaajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Kafaaloo Tafarraa ibsan.
Sochiiwwan misooma hawaas-dinagdee, siyaasaa fi nageenyaa naannichaa ilaalchisee miseensota Mana Marii Bakka Bu’oota Ummataa Naannoo Oromiyaa bakka bu’an waliin mari’atameera.
Mariin kuni naannicha keessatti misooma hawaas-dinagdee fi nageenya waaraa mirkaneessuuf sochii hunda galeessa taasifamaa jiru tumsuu keessatti qooda fudhannaa miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa maal ta’uu akka qabu kan akeekeedha.
Obbo Kaffaaloo Tafarraa Oromiyaa keessatti hojiiwwan misooma hawaas-dinagdee badhaadhina hunda galeessaaf bu’uura buusuu danda’u qindoomina humnoota walootiin hojjechuun akka danda’ame ibsaniiru.
Bu’aan kunis kan galmaa’e karoora hiixataa carraawwan misoomuu bu’uura godhate baasuun gaggeessuummaa yaadamaa ida’amuun masakameen hogganuun waan danda’ameefi jedhan.
Paartii fi mootummaan, aantummaa fi quuqama ummataf qabu irraa ka’ee tajaajila hunda gandatti gadi buusuu isaa eeruun, kanaanis ummanni roga hundaan fayyadamaa ta’aa jiraachuu ibsan.
Bu’aawwan argaman kunis nageenya waaraan dabaalamee fulla’iinsaan akka mirkanaa’u taasisuu keessatti miseensoonni mana Marii Bakka Bu’oota Ummataa gahee irraa eeggamu adda durummaan bahachuu akka qaban dhaamaniiru.
Keessumattuu rakkoowwan nageenya, kenna tajaajilaa, Qaala’iinsa jireenyaa fi hoji dhabdummaan walqabatan furuuf tattaaffii hunda galeessa Paartii fi Mootummaan jalqabe bu’aa qabeessa taasisuuf tumsi miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa olaanaa ta’uu ibsaniiru.
Hogganaan Damee Siyaasaa fi Ijaarsa Dandeettii Waajjira paartii Badhaahdinaa Damee Oromiyaa Obbo Namarraa Bulii gama isaaniin, rakkoo nageenyaa daandii nagaatiin furuuf Mootummaan kutannoo ol’aanaa agarsiiseen nageenyarratti jijjiiramni hinhaalamne dhufuu eeruun, fulla’iinsaan nageenya, misoomni qindoomina humnoota walootiin jalqabame waareessuu fi rakkoo kenna tajaajilaa bu’uurarraa hiikuu keessatti ummanni akka qooda fudhatu taasisuu keessatti Miseensonni Mana Maree Ummataa gahee isaanii bahachuu akka qaban dhaamaniiru.
Hogganaan Damee Ijaarsaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Dooktar Mangistuu Baqqalaa gama isaaniin, Miseensoonni Mana Marii Ummataa hireen ummataa akka mirkanaa’u taasisuu keessatti qaama qoodni olaanaan irraa eegamu ta’uu eeruun, ummata gurmeessuu, tokkummaa isaa eeguun misooma hawaas dinagdee fi nageenya waareessuu keessatti tumsa taasisuun akka qaban dhaamaniiru.
Hoggansi ummataan aanga’e waadaa ummataaf galame hojiirra oolchaa jiraachuu mirkaneeffachaa deemuun barbaachisaa akka ta’e akeekaniiru.
Miseensoonni Mana Marii Bakka Bu’oota Ummataa marii kanarratti qooda fudhatanis yaadaa fi gaaffiiwwan garagaraa dhiyeessuun, misooma hunda galeessaa fi nageenya waaraa dhugoomsuuf sochiin jalqabmeen bu’aa qabatamaa galmaa’aa jiruuf beekamtii kennaniiru.
Itti fufiinsa bu’aa kanaa caalmaatti mirkaneessuun injifannoo argamaa jiru keessatti ummanni hirmaataa fi fayyadamaa akka ta’uuf tumsa walirraa hincinne akka taasisan mirkaneessuu ragaan paarticharra argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia