Fana: At a Speed of Life!

Karoora torban tokko keessatti dubartoota miiliyoona 4’f eenyummeessaa diijitaalaa ‘Faayidaa kennuu’…

Finfinnee, Bitootessa 16, 2018 (FMC)- Sagantaan Eenyummeessaa Biyyaalessaa torban tokko keessatti dubartoota miiliyoona 4’f eenyummeessaa diijitaalaa ‘Faayidaa’ kennuuf hojjetamaa jira jedhe.

Guyyaa kaleessaarraa eegalee dubartoota miiliyoona 4’f eenyummeessaa diijitaalaa Faayidaa kennuuf kan kaayyeffate sosochiin biyyaalessaa torban tokkoof turu gaggeeffamaa jira.

Daayrektarri Qaamolee Qooda Fudhattootaafi Hariiroo Uummataa Sagantaa Eenyummeessaa Biyyaalessaa Saamiinaas Seefuu Faanaa Miidiyaa Korporeeshiniitti akka himanitti, sosochii Kanaan dubartoota miiliyoona 4 galmeessisuuf karoorfameera.

Galmeen eenyummeessaa diijitaalaa Faayidaa erga eegalee hanga ammaatti namoonni miiliyoonni 39 fi kumni 500 galmaa’uu kaasanii kanneen keessaa %42 dubartoota ta’uu ibsan.

Masaafint Iyyaayyuutu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.