Fana: At a Speed of Life!

Karoorri bara 2019 wixineeffamu, dandeettii ariitiin ofjijjiiruu keenya kan murteessudha- Obbo Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Bitootessa 26, 2018(FMC)- Karoorri bara 2019 wixineeffamu, dandeettii ariitiin ofjijjiiruu keenya kan murteessudha jedhan Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.

Obbo Shimallis Abdiisaan ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Yeroon kun boqonnaa qophii karoora bara 2019 qofa osoo hintaane, seenaa guddina dinagdee naannoo keenyaa keessatti waqtii jijjiirama bu’uuraa ittijalqabnudha jedhan.

Guutuune ergaa isaanii akka itti aanutti dhiyaateera.

𝗤𝗔𝗝𝗘𝗘𝗟𝗧𝗢𝗢 𝗤𝗢𝗣𝗛𝗜𝗜 𝗞𝗔𝗥𝗢𝗢𝗥𝗔 𝗕𝗔𝗥𝗔 𝟮𝟬𝟭𝟵: 𝗜𝗠𝗔𝗟𝗔 𝗚𝗔𝗟𝗠𝗔 𝗨𝗧𝗔𝗔𝗟𝗖𝗛𝗢𝗢
Ergaa cimaan kun hoggansaafi caasaa mootummaa naannoo keenyaa sadarkaan jiran kan ilaallatudha. Yeroon kun boqonnaa qophii karoora bara 2019 qofa osoo hintaane, seenaa guddina dinagdee naannoo keenyaa keessatti waqtii jijjiirama bu’uuraa ittijalqabnudha. Karoorri misoomaa hedduun aadaa walirraa waraabuu (copy-paste)’fi sirna xiinxalaa sirrii dhabuun osoo hinmilkaa’in yemmu hafan ni’agarra. Har’a irraa eegalee, rincicummaan “yeroo hunda haala kanaan hojjenna” jedhu cabuu qaba. Imalli ce’umsaa keenya gulantaa ittaanutti akka ce’u, karoorri keenya kan haala qabatamaa, ragaa qulqulluufi beekumsa dinagdeerratti ijaarame ta’uu qaba.

Mootummaan Idaa’amuu, mootummaa kalaqaati. Kalaqni ammoo motora mootummaati. Bu’uuruma kanaan, qophii karoora bara 2019 keessatti utubaawwan siyaas-dinagdee armaan gadii kanniin akka galtee ijootti fayyadamuun barbaachisaadha.

1. 𝙏𝘼𝙍𝙆𝘼𝘼𝙉𝙁𝙄𝙇𝙀𝙀 𝘼𝘿𝘿𝘼𝘼 (𝙄𝙉𝙄𝙏𝙄𝘼𝙏𝙄𝙑𝙀𝙎): 𝙆𝙖𝙡𝙖𝙦𝙖 𝙃𝙖𝙣𝙜𝙖 𝘽𝙖𝙡𝙙𝙝𝙞𝙣𝙖𝙖𝙩𝙩𝙞

Yaadamni Idaa’amuufi kalaqni adda hinbahan. Karoorri keenya adeemsa baramaa irraa bahuu kan danda’u, inisheetivii ifa ta’e yoo qabaate qofa. Karoorri keenya inisheetivii baadiyyaa, magaalaa, indastirii, turizimii, dinagdee dijitaalaa, barnootaafi kkf hammachuu qaba. Haata’u malee, inisheetiviin Baldhina hinqabne, yaalii (pilot) bira taree madda jijjiiramaa ta’uu hindanda’u.

Fakkeenyaaf, inisheetiviin qonnaa tokko, inisheetivii jedhamuuf yooxiqqaate lafa hektaara 200 ol uwwisuu qaba. Kalaqa jechuun yaada babbareedaa tarreessuu osoo hintaane, inisheetivoota keenya baay’ina, ariitiifi qulqullinaan hojiitti hiikuudha.

2. 𝙓𝙄𝙄𝙉𝙓𝘼𝙇𝘼 𝘿𝙄𝙇𝘽𝙄𝙄𝙁𝙄 𝘽𝙐’𝘼𝘼𝙇𝙀𝙀 𝙍𝘼𝙂𝘼𝘼𝙍𝙍𝘼𝙏𝙏𝙄 𝙃𝙐𝙉𝘿𝘼𝘼’𝙀

Armaan dura karoorri keenya dilbiiwwan (potentials) baldhaa qabnuufi injifannoowwan argaman ragaa saayinsaawaan kan xiinxale hinturre. Bara 2019 tirannaarraa akka baanu karoorri keenya dilbiiwwan naannawa keenya jiran akkasumas bu’aalee gaggaarii imala keenyan argaman guutummaatti xiinxalamuu qaba. ‘Dilbii qabnu hundatti fayyadamnee jirraa? Maaliif bu’aan keenya hamma galmaa’e kanaa ol ta’uu dhabe?’ gaaffiin jedhu deebii quubsaa argachuu qaba. Asirratti, qaamolee milkaa’inoota xixiqqaa asiifii achitti muldhatanitti quufaniif ergaa tokkon qaba; armaan booda ka’umsi keenya yaadama “amma yoonaa dilbii qabnu guutummaatti baasnee gara hojii guddichaatti hinseenne” jedhu haata’u.

3. 𝙌𝙊𝙍𝙈𝘼𝘼𝙏𝘼 𝙌𝘼𝘽𝘼𝙏𝘼𝙈𝘼𝘼: 𝙍𝙞𝙣𝙘𝙞𝙘𝙪𝙢𝙢𝙖𝙖 𝘾𝙖𝙖𝙨𝙖𝙖𝙛𝙞 𝙆𝙖𝙧𝙤𝙤𝙧𝙖-𝙂𝙤𝙧𝙚𝙚

Karoorri keenya qormaatilee jiran gadi fageenyaan sakatta’ee furmaata qabatamaa kaa’aa hinturre. Caasaan mootummaa hojimaata baramaafi harkifataa keessatti ofhidhee (bureaucratic inertia), karoora bara darbeerraa ykn aanaa walfakkaaturraa baraafi maqaa qofa jijjiiree dhiyeessuun (copy-paste) amala baramaadha. Rincicummaafi sabab-dheessummaan caasaa kun, karoora bara 2019 keessaa guutummaatti cabuu qaba. Karoorri ganda baddaa tokkoo, karoora ganda gammoojjii waliin osoo hintaane kan ollaa isaatinuu gonkumaa tokko ta’uu hindanda’u.

Rakkoon ganda tokkoo isuma mataa isaa ibsa; furmaanni isaas haaluma qabatamaa isaarraa madda. Duudhaan karoora-goree (micro-planning) adeemsa kana hordofuu barbaada. Kanaafuu, karoorri wixineeffamu qormaatilee iddoofi yeroo sanaa sirnaan sakatta’e, hubateefi irra aane ta’ee qophaa’uu qaba.

4. 𝙁𝙐𝙍𝙈𝘼𝘼𝙏𝘼 𝙌𝙄𝙉𝘿𝘼𝘼𝙒𝘼𝘼: 𝙃𝙤𝙟𝙞𝙢𝙖𝙖𝙩𝙖 𝙎𝙞𝙧𝙣𝙖𝙖𝙬𝙖𝙖𝙛𝙞 𝘾𝙖𝙣𝙘𝙖𝙡𝙖 𝙎𝙤𝙣𝙖𝙖

Rakkoolee imala ce’umsaa keenya harkisan adda baasuu qofti gahaa miti; karoorri keenya furmaata qindaawaafi ifa ta’e kaa’ufi qaba. Ammoo furmaata kaa’uu qofa osoo hintaane, furmaatichi salphaatti kan hinraawwatamneefi dhamaatii kan gaafatu ta’uu hubatamuu qaba. Gama birootiin guutummaa cancala sonaa (value chain) kan walitti hidhe ta’uu gaafata.

Fakkeenyaaf, rakkoo oomishtummaa qonna keenyaa furuuf ‘mekanaayizeeshinii’ akka furmaataatti kaa’uun gaarii ta’us goonkumaa gahaa hinturre. Furmaatichi qabatamaan humna kan horatee, dhiibbaa qaraxi olaanaa al-galchii teknoolojii qonnaa irratti fe’ame akka jijjiiramu taasifneen Mootummaan Federaalaa Labsii Lakk. 457/2013 baasuun tiraaktara dabalatee teknoolojii qonnaa 600 ol qaraxarraa bilisa akka galan erga labsee booda.

Haata’u malee, furmaanni qindaawan asirrattis hindhaabatu. Dhaabbata tiraaktaroota warshaalessee dhiyeessu (Warshaalessa Meesaalee Qonnaa Keenyaa)’fi qusattootaaf liqii mijeessu (Baankii Siinqee) hundeessuu; ogeeyyii tiraaktaraa leenjisuufi giddugala suphaa ijaaruu, leecalloo qindaa’aa diriirsufi kkf guutuun barbaachisaa ture. Deemee deemee ganda, aanaa, magaalaa, godinaafi sektaraalee keenya jijjiiruu kan barbaannu yoota’e, karoorri keenya cancala sonaa jalqabaa hanga dhumaatti walsime kan hammate ta’uu qaba.

5. 𝙎𝘼𝘿𝘼𝙍𝙆𝘼𝘼 𝙂𝘼𝙉𝘿𝘼𝘼𝙁𝙄 𝙈𝘼𝘼𝙏𝙄𝙄𝙏𝙏𝙄 𝙂𝘼𝘿𝙄 𝘽𝙐’𝙐𝙐

Armaan dura karoorri keenya sadarkaa gandaafi maatiitti kan gadi hinbuunefi rarra’aa ture. Humna badhaadhina maatii hojiitti osoo hingalchin, yaadrimee qofaan hiyyummaafi boodatti hafummaa injifachuun hinjiru. Oomishtummaa, galiifi qusannaa jijjiiruuf karooro sadarkaa maatiitti gadi bu’e qabaachun dirqama.

Humni jijjiiramaa inni dhugaa, humna badhaadhina maatiifi gandaati. Fakkeenyaaf, qusannaa maatii/nama dhuunfaa yetoo ammaa %35 irra jiru gara %75’tti ol guddisuuf, oomishtummaa olaanaa uumuudhaan, maatiin sun dhibbeentaa %25 hafeen jireenya fooyya’aa akka jiraatu dandeessisuu qabna. Kanaaf ammoo, karoorri keenya mala ogummaafi beekumsi oomishaa haaraan sadarkaa maatitti itti babaldhatu hammachuu qaba.

Maatii dinagdeen dadammaqsinee yoo fayyadamaa taasisne, sana booda humni isa dhaabu hinjiraatu. Seerri dinagdee ofuma isaatiin dhiibee isa sochoosa. Namni liqeeffate tokko liqii sana deebisuuf, kan bu’aa argachuu jalqabe ammoo faayidaa isaa ittifufsiisee olhiiquf socho’a. Adeemsi kun hawaasni jireenya laaffataa (easy life) keessaa akka bahu kan taasisudha.

6. 𝙔𝙊𝙊𝙈𝙄𝙔𝙔𝙐𝙐 — 𝘽𝘼𝘼𝙔’𝙄𝙉𝘼, 𝘼𝙍𝙄𝙄𝙏𝙄𝙄, 𝙌𝙐𝙇𝙌𝙐𝙇𝙇𝙄𝙉𝘼

Gabaa idil-addunyaa keessatti, omisha “qulqullina qabu garuu harkifataa” dhiheessuun kufaatiidha; akkasumas omisha “ariitii qabu garuu qulqullina hinmirkaneessine ykn baay’ina hinqabne” dhiheessuun maammiltoota biraa amanamummaa argachuuf hindandeessisu. Karoorri keenya hojii mara baay’ina, ariitiifi qulqullinaan madaalee raawwachuufi hogganuu qaba. Ariitiin keenya saffisa dorgomummaan idil-addunyaa ittdabalu kan duursu ta’uu qaba.

7. 𝙂𝘼𝙇𝙈𝘼 𝙐𝙏𝘼𝘼𝙇𝘾𝙃𝙊𝙊 (𝙇𝙚𝙖𝙥𝙛𝙧𝙤𝙜𝙜𝙞𝙣𝙜): 𝙃𝙞𝙞𝙭𝙖𝙩𝙪𝙢𝙢𝙖𝙖𝙛𝙞 𝙊𝙛𝙗𝙖𝙖𝙮’𝙞𝙨𝙪𝙪

Guddina tirataafi injifannoowwan xixiqqaatti quufuun muldhateera. Ilaalchi akkasii, ariifachiisummaafi hiixatummaa galmoonni qabsoo ummata Oromoo barbaadan waliin kan deemu miti. Ummanni baroota dheeraaf miidhama hundagaleessa keessa jiraachaa ture jijjiirama tirataaf obsa hinqabaatu.

Yeroo gabaabaa keessatti jijjiirama qabatamaa dhugoomsuuf karoora baraa gara baraatti guddina ofbaay’isu (exponential growth) milkeessu qopheessuu qabna. Milkaa’ina bara kanaa dachaa tookkoofi lamaan osoo hin taane, humnaafi dandeettii keenya guutuu dhiibnee dachaa 20’n 30’n dabaluuf karoorsuu qabna.

Jijjiiramni tirataa amalaafi madaallii Mootummaa Idaa’amuu miti. Carraa kanaan waan tokko hubachuun barbaachisaadha. Galmi Utaalchoo (Leapfrogging) karoora salphaa, fooyya’iinsa xixiqqaa raawwii bara darbeerratti hundaa’u, ykn haala barameen milkaa’u miti. Hiixatummaa sammuu, kutannoofi hojii halkaniif guyyaa nugaafata.

8. 𝙃𝙊𝙅𝙄𝙄 𝙎𝙄𝙍𝙉𝙊𝙊𝙈𝙎𝙐𝙐:

Hijiin cimina nama dhuunfaa ykn duula irratti hundaa’e, sochii fulla’aa hinqabaatu. Karoorri keenya sirna bakka hoggansi hinjirretti hojiin akka ofiin sochoo’u taasisu uumuu qaba. Inisheetivii yoofudhanne, yaadama nama daa’ima hinguddannee kunuunsutiin karoorfamuu hinqabu. Barbaachisummaan inisheetivii toora rincicaa hojii idileetiin hinsochoone tokko tarkaanfii addaatiin yeroo gabaabaa keessatti furguuga keessa galchuudha. Sana booda humni mootummaa toorawwan biroo tarkaanfatoo hintaane sochoosutti ce’uu qaba jechuudha.

9. 𝙎𝙄𝙍𝙉𝘼 𝙂𝘼𝘼𝙁𝘼𝙏𝘼𝙈𝙐𝙈𝙈𝘼𝘼 𝘿𝙄𝙍𝙄𝙄𝙍𝙎𝙐𝙐

Gaafatamummaan (accountability) adabbii qofa miti; waliigaltee raawwii hojiiti. Karoorri keenya sirna hojii haaraa, bu’aa qabatamaa (deliverology) irratti hundaa’e kan diriirsu ta’uu qaba.

• ᴍᴀᴅᴀᴀʟʟɪɪ ʀᴀᴀᴡᴡɪɪ (ᴋᴘɪs): Galmi hundi safaramuu qaba. Karoorri sirna hordoffii, deeggarsaafi madaallii qulqulluu qabaachuu qaba.
• ɪᴊᴀᴀʀꜱᴀ ɢᴀʜᴜᴍꜱᴀᴀ: Karoorri sirna gahumsi qaamolee raawwachiisoo (dhaabbileefi namoota) ittiin ijaaramu hammachuu qaba.

• ʙᴀᴅʜᴀᴀꜱᴀᴀꜰɪ ᴀᴅᴀʙʙɪɪ: Karoorri sochii kamuu ija waliigaltee hawaasatiin (social contract) ilaalamuu qaba. Warra ciman badhaasuu, warra kufan ammoo sirna gaafatamummaa cimaan simachuu barbaada.

Karoorri bara 2019 wixineeffamu, dandeettii ariitiin ofjijjiiruu keenya kan murteessudha. Qophiin keenya marti bilchina saayinsawaafi kutannoo siyaasaa kan ofkeessaa qabu akka ta’u cimsee isin hubachiisuun barbaada.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.