Kenna tajaajila socho’aa tajaajila si’ataafi dhaqqabamaa taasisuuf…
Finfinnee, Bitootessa 18, 2018(FMC) – Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti kenni tajaajila socho’aa tajaajila si’ataafi dhaqqabamaa akka ta’uu hojjetamaa jira.
Kenni tajaajila so’achaa hawaasni baasiifi dhamaatii tokko malee tajaajila akka argatu gochuun itti quufinsa maamilaa guddisa.
Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Sulultaatti Wiirtuun Tajaajilaa Tokkoffaa Magaalaa Shaggariin kenni tajaajila socho’aa manaa manaatti har’a eegalchiifameera.
Wiirtuun tajaajila tokkoffaa (Mesob)Magaalaa Shaggar kenna tajaajilaa teknoolojiin deeggarameefi tajaajila si’ataa, iftoomina qabu, dhaqqabamaafi ammayyaa hawaasni akka argatu taasisuuf hojii hojjetameen bu’aawwan itti quufinsaa maamilaa guddisan argamaaniiru.
Sagantaa jalqabsiisa tajaajila Manaa Manaa Kutaa Magaalaa Sulultaatti har’a eegalchiifame irrattis hoggantoonni sadarkaa Magaalaa, kutaa Magaalaafi hawaasni irratti argamuu Itti Gaafatamaan Waajjira Kominikeeshinii kutaa magaalichaa obbo Tasfaa Fiqaaduun Faanaa diijitaalitti himaniiru.
Kenna tajaajila socho’aa kanaanis tajaajilli akka waraqaa eenyummaa, ragaa hojii dhabdummaa fi Inshuraansii fayyaa manaa manatti kennamaa jiraachuu ibsan.
Siifan Magarsaatiin
#Oromia #Ethiopia