Fana: At a Speed of Life!

Kenna tajaajilaa Hospiitaala Roobee Diida’aa ilaalchisee deebii mootummaan kenne nugammachiise – Jiraattota

‎Finfinnee, Adoolessa 23, 2017(FMC) – Hanqina kenna tajaailaa Hospiitaala Roobee Diida’aa ilaalchisuun gaaffii dhiyeessaa turaniif deebii mootummaan kenne nu gammachiise jedhan jiraattonni magaalichaa.

Jiraattonni Faanaa Miidiyaa Korpooreshiniif yaada isaanii kennan akka ibsanitti, hospiitaalicha irra tajaajila ga’aa argachaa waan hin turreef irra deddeebiin komataa turaniiru.

‌‎Har’a garuu komiin issanii dhaga’amuun meeshaaleen yaalaa ammayyaan hospiitaalichaaf kennamuun kutaaleen dabalataas ijaaramanii tajaajila ga’aa akka argatan isaan gargaaruu kaasan.

‎Hospitaalichi jiraattota aanaalee torbaaf kan tajaajilu ta’uun isaa ammoo tajaajilli dhiyaachaa ture walsimiuu dhabuun ka’umsa komii isaanii tureera.

Deebiin isaanii kennames ‎mootummaan rakkoo hawaasaa dhaggeeffatee deebii kennuuf qophaa’ummaa qabaachuu argisiisa jedhan.

Itti gaafatamaan waajjira fayyaa Godina Arsii obbo Sulxaan Hamdinoo gama isaaniin, mootummaan fayyaan hawaasaa akka eegamuuf tajaajila ittisaa fi yaalii irratti xiyyeeffate kennaa jiraachuu dubbatan.

‌‎Rakkoo fi komii hawaasaa Hospitaala Roobee Diida’aan wal qabatee jiru hiikufis hojjetamaa akka ture kaasanii, hanqina gama kutaalee fi meeshaalee yaalaan ture furuun, ogeeyyii ogummaa ol’aanaa qaban ramaduun hawaasa Aanichaa Roobee fi Aanaalee ollaaf tajaajilli guutuu kennamaa akka jiru himaniiru.

Baajata Mootummaa qarshii miiliyoona 100 fi miiliyoona 20 ol ramaduun hojiin babal’isuu Hospitaalichaa hojjetamee xumuramuun tajaajila eegaluu ibsan.

Godinichatti tajaajila fayyaa daran fooyyeessuuf, meeshaalee yaalaa dhaabbilee fayyaaf guutuun, dhiheessii qorichaafi, kenna tajaajila fooyyeessuu, meeshaalee qorannoowwaan adda addaa fi tajaajila baqaqsanii yaaluuf gargaaran dhaabbilee fayyaaf galchuun akka tajaajilli ga’aan hawaasaaf akka kennamuuf hojjetamaa jiraachuu dubbatan.

Akka waliigalatti, godinichaattis bara kana namoota miiliyoona 6 oliif tajaajila deddebi’anii yaalamuu kennuu eeraniiru.‎

‎Faxxanaa Zawudeetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.