Kennaa addaa hawaasa aanaalee Sadii Canqaa fi Hawwaa Galaan, Pirojektii misooma Jallisii Qexoo…
Finfinnee, Bitootessa 4, 2018 (FMC) –Godina Qeellam Wallaggaatti kan argamu Pirojektiin Misooma jallisii Qexoo jireenya hawaasaa naannawichaa jijjiiruu keessatti piroojektii gahee olaanaa qabuudha.
Piroojektiin hawaasa Aanaalee Sadii Canqaa fi Hawwaa Galaaniif kennaa addaa ta’e kun Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadiin eebbifamuun hojii eegaleera.
Pirojeektichi hojii qonnaaf dhiyeessii bishaanii adda hin cinne akkaataa mirkaneesseen qabeenya uumamaa fi teessuma naannawichatti sirnaan fayyadamuuf yaadame hojiirra kan ooleedha.
Bu’uuraaleen misooma daandii wajjin ijaarames waliingahiinsa gabaa bal’iseera, sochii guyyaa guyyaa jiraattotaas salphiseera jechuun ibsan Dooktar Abiy Ahimad wayita eebba piroojektichaa.
Baasii Mootummaa Federaalaa Birrii biiliyoona 1.1 oliin kan ijaarame jallisiin Qexoo boo’ii dheerina kiiloo meetira 23 uwwisu qaba.
Hawaasa kuma 10 ol fayyadamtoota kan taasisu yoo ta’u, Qonnaan bultoonni waggaatti yeroo 3 oomishuun fayyadamoo akka ta’an kan gargaarudha.
Piroojeektii lafa hektaara kuma 5 misoomsuu danda’u kana irratti jiraattoonni kumni 1 ol waldaalee 32’n ijaaramuun hojii eegalaniiru.
Naannawichatti oomishaaleen akka Qamadii, Ruuzii, Muuzii, Paappayaa fi Burtukaana bal’inaan misoomuu danda’a.
Qonna baadiyyaa itti fufiinsaan guddisuun guddina dinagdee biyyaalessaaf piroojektii fakkeenya gaarii ta’uu danda’u jedhamee amanama.
‘Carraa qabnutti fayyadamuun copha misoomaa eegalame galaana gochuuf hundi fuula isaa gara misoomaa deebifachuu qaba’ jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Siifan Magarsaatiin
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.