Fana: At a Speed of Life!

Kennaa uumamni nu badhaase beekuu fi hubachuun barbaachisaadha – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Bitootessa 14, 2018 (FMC) – Kennaa uumamni nu badhaase beekuu fi hubachuun barbaachisaadha jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad guyyaa kaleessaa qaama Piroojektii Maaddiin dhalootaaf kan ta’e Loojii Nii’iinii Lee Paalmi eebbisiisaniiru.

Afaar naannawaa qabeenya uumamaan daran badhaate ta’uu dubbatan.

Dachee isaa qofa osoo hin taane ummanni Afaar kan biyya jaalatu, jabaa fi carraaqataa ta’uu ibsan.

Naannoo miidhagaa kanatti Invastimantii giddugaleessa gochuun, dafqa muraasa dhangalaasuun warqee haadhachuuf carraa dandeessisu ijoollee keenyaaf dhaalchifna jedhan.

Afaar naannoo carraa guddaa qabuudha, nuti rafuu keenyaan malee iddoon kun waggoota 50 fi 60 dura misoomuu qaba ture jechuun eeran.

Namni jijjiiramaa fi guddinaaf of qopheessinaan wantoota muraasa keessaa kennaa guddaa baasuun ni danda’ama jedhan.

Fedhiin jijjiiramuu yoo hin jiraanne garuu kennaan miidhagaa hedduun jiraatus gara qabeenyatti jijjiiruun hin danda’amu jechuun ibsan.

Yeroo beekuu fi fayyadamuun barbaachisaa ta’uu hubachiisan.
Walitti bu’iinsi Giddugaleessa Bahaatti mudhate hanqina Boba’aa fi Xaa’oo Biyyoo uumuu kaasan.

Rakkoon addunyaa mudachaa jiru ulfaataa ta’us Rooba uumaan nuuf kenneen qonna Arfaasaan lafa hektaara miiliyoona 2 misoomsuu yoo dandeenye wantoota hedduu uwwisuun ni danda’ama jechuun dubbatan.

Wamdimmaaganyi Tsaggaayeen

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.