Kenni tajaajila fayyaa hawaasa giddugaleessa godhate guddina biyyaaf murteessaadha – BFO
Finfinnee, Waxabajjii 21, 2017 (FMC) – Kenni tajaajila fayyaa hawaasa giddugaleessa godhate guddina biyyaaf murteessaadha jedhe Biiroon Fayyaa Oromiyaa.
Sochii jijjiirama diinagdee, hawaasummaafi gama siyaasaan jiru milkeessuuf hawaasa fayya qabeessa, dammaqaafi qaroomina gonfate horachuun murteessaadha jedhan Hooggantuun Biiroo Fayyaa Oromiyaa Proofesar Natsaannat Warqinaan.
Biiroon Fayyaa Oromiyaa Sagantaa tumsa dhaabbilee fayyaa bu’uuraa qulqullinaa tajaajila fayyaa irratti xiyyeeffateen Godina Shawaa Bahaa, Aanaa, Luumee, Ada’aa, Gumbichuufi Boosatitti sagantaa “Oromiyaa qulaulluu” jedhuun akka naannoo Oromiyaatti yeroo 7ffaaf dawwannaafi sagantaa garaa garaan gaggeessuu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.
Fayyaan bu’uura waan hundaa waan ta’eef, tajaajila bu’uuraa akka argatu taasisuun murteessaa ta’uu kaasan Proofesar Natsaannat Warqinaan.
Kana galmaan gahuuf qulqullina kenna tajaajila fayyaa irratti xiyyeeffannoon hojjechuu kan gaafatuudha jedhan.
Biiroon Fayyaa Oromiyaas kana milkeessuuf hojimaata fayyaa diriirsuun to’annoofi hordoffii itti fufiinsa qabu taasisuufi dhiheessin qorichaafi meeshaalee fayyaa akka guuttamuufi uummanni tajaajila fayyaa gahaa akka argatu taasisuuf xiyyeeffannoo olaanan hojjechaa jiraachuu ibsan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.