Kenniinsa tajaajilaa fooyyessuufi madda kira sassaabdummaa hundeerraa gogsuun murteessadha – Obbo Fiqaaduu Tasammaa
Finfinnee, Sadaasa 27, 2018 (FMC) – Seenessa waloo jabeessuun dhaloota dhufu Badhaadhina dhaalchisuuf mootummaan cichoominaan hojjechaa jira jedhan Sadarkaa Ministiraatti Itti Gaafatamaan Damee Ijaarsa Paartii Badhaadhinaa Jiddugaleessaa Obbo Fiqaaduu Tasammaa obbo Fiqaaduu Tasammaan.
Kutaa Magaalaa Addis Katamaatti mariin ummataa mata duree “Misraachoo Gubaa fi Bu’aa Mootummaa Ida’amuu” jedhuun gaggeeffame.
Bu’aawwan Mootummaa Ida’amuun gama Diinagdee, hawaasummaa, siyaasaafi fayyadamummaa lammiilee mirkaneessuuf akka Magaalaa Finfinneetti argaman keessatti hirmaannaa uummataa olaanaa ta’uu marichaan ibsameera.
Biyya jabduu, gama hundaan misoomteefi sodaatamtu kan fayyadamummaan uummataa roga hundaan keessatti mirkanaa’e, arguuf seenessa waloo jabeessun dhaloota dhufu Badhaadhina dhaalchisuuf Mootummaan cichoominaan hojjechaa jirra jedhan obbo Fiqaaduun.
kenniinsa tajaajilaa fooyyessuufi madda kira sassaabdummaa hundee irraa furuuf akka biyyattii qabsoon eegalame hirmaannaa uummataan cimee itti fufa jechuun ibsan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.