Kenniinsi tajaajilaa haqaa naannoo Oromiyaa akka muuxannoo gaariitti kan fudhatamu- Obbo Taaggasee Caafoo
Finfinnee, Ebla 24, 2017 (FMC) – Kenniinsiifi waliingahiinsi tajaajilaa haqaa naannoo Oromiyaa akka muuxannoo gaariitti kan fudhatamu ta’uu Af-yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa Obbo Taaggasee Caafoon ibsan.
Obbo Taaggasee Caafoo dabalatee miseensonni mana marichaafi qaamoleen qooda fudhattootaa adeemsa kenniinsa tajaajila haqaa naannichaa daawwataniiru.
Kenniinsi tajaajila haqaa teeknooloojiin kan deeggarameefi si’ataa akka ta’uuf qindoominni hoggansaafi qaamolee raawwachiistotaa gidduu jiraachuu isaaf dhaddacha Mana Murtii Waliigalaa naannichaafi sadarkaan jiran irraa hubachuun akka danda’amu ibsaniiru.
Bu’aan qindoomina hoggansaafi qaamolee raawwachiistotaan Mana Murtii Waliigalaa naannichaatti akkasumas godinaafi manneen murtii aadaan galmaa’aan naannolee biroof muuxannoo gaarii akka ta’an kaasaniiru.
Pireezidaantiin Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Teewoodiroos Mihirati gamasaaniin, bu’uuraaleen misoomaa infoormeeshin teeknooloojii Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaan diriire uummanni tajaajila haqaa si’ataa akka argatu dandeessisuu dubbataniiru.
Pireezidaantiin Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa Gaazaalii Abbaasimal, tattaaffiin tajaajila haqaa amantaa uummataa gonfate waliin gahuu cimee kan itti fufu ta’uu ibsaniiiru.
Manneen murtii idileefi aadaa tumsaan hojjechuun bu’aa quubsaa argamsiisuu kaasaniiru.
Bu’aalee waliin gahiinsa tajaajila haqaarratti argaman naannolee biroof qooduun tumsaan kan hojjetan ta’uu ibsuusaanii TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia