Fana: At a Speed of Life!

Kiiliyaam Mbaapeen miidhaa isa mudate hordofee gara Maadriiditti deebi’e

Finfinnee, Sadaasa 5, 2018 (FMC) – Darggeessi umrii waggaa 26 taphataan sarara fuuldaraa Faransaay Mbaapeen miidhama isa mudate hordofee gara Riyaal Maadriiditti deebi’eera.

Tapha Faransaay Yuukreen galchii 4 fi 0n injifatteerratti galchii lama kan lakkoofsise Kiiliyaam Mbaapeen Koronyoo isaarra miidhamuun ni yaadatama.

Sababa kanaan garee Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Faransaay keessa bahuun gara Riyaal Maadriid imaleera.

Kiiliyaam Mbaapeen tapha gulaallii xumuraa Waancaa addunyaan Faransaay Azaarbaajaan waliin qabdurratti hin hirmaatu jedhame.

Faransaay kaleessa Yuukreen injifachuun waancaa addunyaa 2026’f darbuu mirkaneeffachuun kan yaadatamuudha.

Kiiliyaam Mbaapeen erga tapha kubbaa miilaa eegalee waliigala galchiiwwan 400 lakkoofsiseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.