Kiiliyaan Imbaappeen badhaasa isaa fudhate
Finfinnee, Onkoloolessa 21, 2018 (FMC) – Taphataan sarara fuulduraa Faransaay Kiiliyaan Imbaappeen badhaasa isaa kophee warqee bara dorgommii 2024/25 guyyaa har’aa fudhateera.
Kiiliyaan Imbaappeen bara dorgommii 2024/25’tti galchiiwwan 31 lakkoofsisuun taphataa urjii Laaliigaa Ispeen ta’uun isaa kan yaadatamudha.
Taphatichi sagantaa badhaasaa kanarratti badhaasa kophee warqee injifachuu isaatti gammaduu ibsuun, irra deebiin badhaasa kana injifachuu akka barbaadu dubbateera.
Pirezidaantiin Riyaal Maadriid Filoorantiinoo Peereez gama isaaniin, Kiliyaan Imbaappeen taphataa kilabichaa ta’uu isaatti kan gammadan ta’uu ibsaniiru.
Wandimmaaganyi Tsaggaayeen.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
 
			 
				