Kilabiin Kubbaa Miillaa Dubartootaa Magaalaa Shaggar Piriimeer Liigii Itiyoophiyaatti guddate
Finfinnee, Ebla 25, 2017 (FMC) – Liigii Olaanoo Itiyoophiyaa bara 2017 keessatti hirmaachaa kan jiru Kilabiin Kubbaa Miillaa Dubartootaa Bulchiinsa Magaalaa Shaggar gara Piriimeer Liigii Itiyoophiyaatti guddateera.
Bara 2016 kan hundaa’e kilabichi waggoota lamaan darban keessa ga’umsa olaanaa agarsiisuun hirmaannaa Piriimeer Liigii Itiyoophiyaa bara 2018 argachuu mirklaneeffateera.
Kilabichi har’a Walaayittaa Diichaa galchii 3 fi 2’n injifachuun osoo taphni sadi hafuu gara Piriimeer Liigii Itiyoophiyaatti guddateera.
Taphoota hanga ammaatti taphate 22’n qabxii 57 walitti qabachuu danda’eera.
Yeroo ammaas garaagarummaa qabxii 13 liigicha dursaa jira.