Fana: At a Speed of Life!

Kilabni Kubbaa Miilaa Shaggar guddattoota mallatteessifate

Finfinnee, Mudde 2, 2018 (FMC) – Taphoota CBE Piriimeer Liigii Itiyoophiyaa keessatti hirmaachaa kan jiru Kilabni Kubbaa Miilaa Shaggar taphattoota Garee Biyyaalessaa Umrii 17 gadii sadii mallatteessifate.

Kilabni Magaalaa Shaggar taphattoota Garee Biyyaalessaa Umrii 17 gadii tibbana Waancaa Afriikaaf darbuuf qooda olaanaa bahataa turan sadii mallatteessifate.

Haaluma kanaan Daawwiit Kaasaawu, Biiniyaam Abrahaa fi karra eegaan Tamasgeen Kabbadaan Kilaba Shaggariif taphachuuf waliigalaniiru.

Taphattoonni kunneen waliigaltee waggoota 3 kan mallatteessan yoo ta’u, ji’aan Birriin kumni 50 kan kaffalamuuf ta’uutu eerame.

Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itiyoophiyaa obbo Bahiiruu Xilahuun gama isaaniin shaggar guddattoota kanneen sirnaa qabachuu akka qabu yaadachiisan.

Sirna waliigaltichaarratti kan argaman miseensi Boordii Kubbaa Miilaa Shaggarii fi Bakka Bu’aan Pireezidaantii kilabichaa aadde Maskaram Xilahuun Shaggar guddattootarratti xiyyeeffannoon hojjetaa jiraachuu dubbatan.

Kilabni Kubbaa Miilaa Shaggar Bara 2015 kan hundaa’e yoo ta’u, kilaba yeroo gabaabaa keessatti Piriimeer Liigii Itiyoophiyaa keessatti hirmaachuu danda’eedha.

Daawiit Mahaariitiin

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.