Fana: At a Speed of Life!

Kitaabileen miiliyoonni 43 maxxanfamuun barattootaaf raabsame- Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Onkololeessa 18, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Kitaabileen miiliyoonni 43 maxxanfamuun barattoota sadarkaa 2ffaaf raabsamaniiru jedhan.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsaa fi deebii Miseensoota mana mareef kennaniin, qulqullina barnootaa mirkaneessuuf xiyyeefannoon hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Haaluma kanaan sagantaa barnoonni dhalootaaf jedhuun hojjetameen bu’aan argamuu kaasaniiru.

Naannawaa hundaatti hojii sadarkaa fooyyeessuun hojjetameen milkaa’inonni argamuu himaniiru.
Dooktar Abiy damee Fayyaarratti ibsa kennaniin, lammiileen miiliyoonni 63 ol fayyadamoo Inshuraansii fayyaa ta’uu dubbataniiru.

Damee fayyaan hojiileen heddu hojjetamaa jiraachuu kan ibsan Dooktar Abiy, rakkoo dhiyeessii qorichaa furuuf hojiin qoricha biyya keessatti oomishuu hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

kanaafis deeggarsi Birrii biiliyoona 60 oli taasifamuus eeraniiru.

Baasii wal’aansa Kaansarii %60 kan deeggaru mootummaa ta’uu ibsuun, damee fayyaan Invastaronni biyya alaa akka dhufaniif tattaaffiin taasifamaa jiraachuu dubbatan.

Tsahaay Gulummaatiin.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.