Fana: At a Speed of Life!

Kitaabni “Addooyyee” eebbifame

Finfinnee, Guraandhala 2, 2017 (FMC)- Kitaabni mata duree “Addooyyee” jedhuun maxxanfame eebbifame.

Addooyyeen hiriyaa wal jaallatan, michuuwwan jechuu yoo ta’u, kitaabichi Aadaa Oromoo Lixaa biratti beekamaa ta’eedha jedhameera.

Kunis sirnoota aadaan raawwataman kanneen akka fuudhaa fi heerumaa, sirna moggaasa maqaa fa’aa kan mul’isuu ta’uun ibsameera.

Kitaabichi boqonnaawwan 8 fi fuula 144 kan qabu yoo ta’uu, muuxnnoo jireenyaa barreessichii waggootii 40’n darban keessatti qunnamee fi haala guddisa ijoollee, Sirna Gadaa fi kanneen biroo kan hammate ta’uu Barreessaan Kitaabichaa Obbo Xaahir Abbaa Foggiin ibsaniiru.

Kitaabichi bakka barreessitoonni, Barsiisotni Yunivarsitii Jimmaa fi hayyoonni garaagaraa argamanitti eebbifameera.

Abdurraahmaan Mahaammaditu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.