Fana: At a Speed of Life!

Kitaabni dhaloota ida’amuu Afaan Urduutti hiikamuun dubbiftootaaf dhiyaate

Finfinnee, Fulbaana 30, 2018(FMC) – Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadiin kan barreeffame Kitaabni dhaloota ida’amuu Afaan Paakiistaan Urduutti hiikamuun dubbiftootaaf dhiyaateera.

Paakistaanitti ergamaan Addaa Itiyoophiyaa Ambaasaaddar Jamaal Bakarii fi Ministeerri Aadaa fi Hambaalee Paakiistaan waliigaltee taasiisaniin kitaabni dhaloota ida’amuu kun Afaan Urduutti hiikamuutu ibsame.

Kitaabichi gara Afaan Urduutti hiikamuun isaa qaamolee siyaasaa, hayyootaa fi dargaggoota Paakiistaaniin dinqisiifannaa olaanaa argachuu eerame.

Kitaabichi Itiyoophiyaa beeksiisuu keessatti shoora guddaa qabaachuus ibsameera.

Kitaabni dhaloota Ida’amuu Afaan Urduutti hiikame kun Yuunivarsiitiwwan, manneen kitaabaa fi dhaabbilee qorannoo fi qo’annoo biyyattii hundatti raabsameera jedhame.

Kunis hariiroo biyyoota lamaanii caalmaatti kan cimsu ta’uu Paakiistaanitti Embaasiin Itiyoophiyaa ibsa Faanaa Diijitaaliif ergeen himeera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.