Kitaabni seenaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Ajaja Lixaa “Ye Mi’iraab Jenber” jedhu eebbifame
Finfinnee, Caamsaa 2, 2017(FMC) – Kitaabni seenaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Ajaja Lixaa “Ye Mi’iraab Jenber” jedhu eebbifameera.
Kitaabichi aarsaa Ajajni Lixaa bara 1970- 2017’tti daangaafi walabummaa biyyaa kabachiisuuf, nagaafi misooma biyyaa mirkaneessuuf kaffalle irratti kan xiyyeeffatudha.
Kitaabni kun fuula 421 kan qabuu fi boqonnaa 4’tti kan qoqqoodame yoo ta’u, qormaataa fi milkaa’ina akkasumas injifannoo Ajajichi hundeeffama isaa irraa kaasee hanga ammaatti galmeessise kan seenessudha.
Sirna eebba kitaabichaa irratti qaaccessa qabiyyee Kitaabichaa kan dhiyyeessan qorattootni seenaa fi barsiisonni Yuunivarsiitii Wallaggaa Dooktar Darajjee Innihoo fi Dooktar Tasfaayee Tolasaan, Kitaabichi Seenaa Rayyaa Ittisa biyyaa Ajajaa Lixaa qofa utuu hin taane Seenaa gootummaa raayyaa ittisa biyyaa fi ummata Itiyoophiyaa kan ibsudha jedhan.
Gorsaan Itaamaajoor Shuumii Humnoota Waraanaa Leetenaal Jeneraal Alamsheet Daggifeen gamasaaniin, kitaabichi guddummaa fi gootummaa Itiyoophiyaa aarsaa gootota ijoollee isheen waggoota 47’f mul’ate bakka tokkotti kan kaa’e ta’uu himaniiru.
Sirni loogoo Ajaja Lixaa beeksisuus geggeffameera.
Galaanaa Tasfaatu gabaase.