Fana: At a Speed of Life!

Kolleejjiin Poolii Teeknikaa Qananiisaa Baqqalaa Barattoota Ogummaa garaagaraan leenjise eebbisise

Finfinnee, Hagayya 17, 2017 (FMC) – Kolleejiin Poolii Teeknikaa Qananiisaa Baqqalaa barattoota dameelee ogummaa garaagaraan leenjisaa ture kuma 1 fi 114 marsaa 27ffaaf eebbisiseera.

Kolleejjichi hundeeffama isaarraa kaasee hanga ammaatti barattoota kuma 30 ol ogummaa garaagaraan leenjisuun eebbiseera.

Kolleejiin Poolii Teeknikaa Qananiisaa Baqqalaa leenjii idilee fi gabaabaan ogummaalee rakkoo biyyaaf furmaata ta’uu danda’an kennaa jira jedhan Diiniin kolleejjichaa obbo Kamaal Gammadoo.

Barattoonni ogummaa fi dandeettii argatan gara faayidaa ofii fi biyyaaf olchuuf aadaa hojii cimaa qabaachuun kaayyoo isaani galmaan gahuu akka qaban dhaamameera.

Kolleejjiin Poolii Teeknikaa Atileet Qananiisaa Baqqalaa leenjitoota abbootii ogummaa gochuun cinatti bu’aa kalaqaa fi hojiilee iniisheetiviiwwan garaagaraa irrattis hojjechaa jira jedhan.

MisiruuTuriitu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.