Fana: At a Speed of Life!

Kolombiyaan Finfinneetti Embaasii bante

Finfinnee, Hagayya 21, 2017 (FMC)- Kolombiyaan Embaasii ishee Itiyoophiyaa magaalaa Finfinneetti bante.

Pireezidaantii itti aantuun Kolombiyaa Firaansiyaa Maarkeez Itiyoophiyaatti daawwannaa hojii taaasisaa jiru.

Firaansiyaa Maarkeez turtii isaaniin guyyaa har’a Magaalaa Finfinneetti Embaasii Kolombiyaa bananiiru.

Saganticharratti Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Ximootiwoos fi Hoggantoonni olaanoo biroon argamaniiru.

Dooktar Geediyoon wayita kanatti, Pireezidaantii itti aantuun Kolombiyaa Firaansiyaa Maarkeez hariiroo Itiyoophiyaa fi Kolombiyaa cimsuuf murannoo agarsiisan dinqisifataniiru.

Kolombiyaan Embaasii ishee Finfinneetti banuun hariiroo biyyoota lameenii caalmaatti kan cimsuu ta’uu Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoon Faanaa Diijitaaliif ibsaniiru.

Pireezidaantii Itti Aantuun Kolombiyaa Firaansiyaa Maarkeez Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad waliin dhimmoota garaagaraarratti mari’achuun ni yaadatama.

Malaakuu Gaddiftu gabaase.

#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.