Komishinichi ‘Gamtaa Sagalee Dubartootaaf’ irraa ajandaa fudhate
Finfinnee, Amajjii 13, 2018 (FMC) – Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa ‘Gamtaa Sagalee Dubartootaaf’ irraa ajandaa fudhateera.
Komishinarri Olaanaan Komishinii Marii Biyyaalessaa Piroofeesar Masfin Ara’aayaan wayita kana sadarkaa mariin biyyaalessaa irra gaheefi kallattiiwwan xiyyeeffannoo fuula duraa irratti ibsa kennaniiru.
Dubartoonni hirmaannaa adeemsa marii biyyaalessaarratti taasisan cimsanii akka itti fufaniif gamtichi deeggarsa isaa itti fufuu akka qabu waltajjichaan ka’eera.
Ajandaaleen gamtichi Komishinichaaf kenne naaannolee marsaa jalqabaan hin hammatamne kanneen akka Giddugaleessa Itiyoophiyaa, Gaambeellaafi Amaaraa kan hirmaachise ta’uun ibsameera.
Sanadni ajandaa kun ajandaalee 13 fi yaadota furmaataa afur kan hammate yoo ta’u, hirmaannaa fi bakka bu’iinsa dubartootaa kan cimsu ta’uunis eerameera.
Komishinichi ajandaalee kanneen yaa’ii marii biyyaalessaa yeroo dhiyootti gaggeessurratti akka galteetti kan fayyadamu ta’uunis eerameera.
Piroofeesar Masfin Ara’aayaan hoggantoota Gamtichaa ajandaalee dubartootaa kana qindeessan galateeffataniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.