Komishinichi hojii ajandaalee waliigaltee waloo uumuuf dandeessisan adda baasuu xumuraa jira- Piroofeesar Masfin Ara’aayaa
Finfinnee, Sadaasa 30, 2018 (FMC)- Komishiniin Marii Biyyaalessaa hojii ajandaalee waliigaltee waloo uumuuf dandeessisan adda baasuu xumuraa jira jedhan Komishinarri Komishinichaa Piroofeesar Masfin Ara’aayaan.
Komishinichi hojiilee hanga ammaatti hojjetamaniifi bu’aalee argaman hawaasa idil-addunyaaf ibsaa jira.
Saganticharratti Komishinaroonni Komishinii Marii Biyyaalessaa, Ambaasaaddaroonni, bakka buutonni dhaabbilee idil addunyaa fi keessummoonni biroon argamaniiru.
Piroofeesar Masfin Ara’aayaan wayita kana nageenya waaraa, tasgabbiifi dimookiraasii mirkaneessuuf furmaata mariirratti hundaa’e fiduuf hojjetamaa jira jedhan.
Kanaaf ammoo komshinichi adeemsa sagaleen hundaa itti dhagahamu hammataafi hirmaachisaa ta’e hordofaa jiraachuu kaasanii, hojimaatilee bilisa, walabaafi amanamummaa qaban hordofuun hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.
Karaa hirmaachisaa ta’een hojii ajandaalee rakkoolee Itiyoophiyaa irratti waliigaltee uumuu ni dandeessisu jedhaman adda baasuu xumuraa jiraachuu ibsaniiru.
Hojiin ijaarsa mootummaa cimaa bu’aa qabeessa akka ta’uuf hojjechuun kallattii xiyyeeffannoo biraa ta’uu ibsuusaanii TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.