Fana: At a Speed of Life!

Komishinichi Manneen jireenya Godina Shawaa Lixaatti ijaarsise jirattootaaf dabarse

Finfinnee, Amajjii 30, 2018 (FMC)- Komishiniin Invastimantii Itiyoophiyaa Godina Shawaa Lixaatti Manneen jireenyaa tajaajila tola ooltummaa gannaan ijaarsise dabarsee kenneera.

Manneen kunneen misooma koriidarii baadiyyaa eegalameen jiruuf jireenya hawaasa jijjiiru kessatti gahee olaanaa qabu.

Hawaasni baadiyyaa jireenya fayyalessaafi ammayyaa akka jiraatuuf gaheen koriidarii baadiyyaa olaanaa ta’uu isaan iniisheetivii kana dhaabbiileen mootummaa hojiirra oolchaa jiru.

Haaluma kanaan Komishiniin Invastimantii Itiyoophiyaa Godina Shawaa lixaatti manneen moodeela baadiyyaa ijaarsise jirattootaaf dabarsee kenneera.

Manneen kunneen baasii Birrii miiliyoona 50’n kan ijaaramaniifi bu’uuraalee misoomaa hunda qabaachuun eerameera.

Saganticharratti Komishinarri Komishinii Invastimantii Itiyoophiyaa Dooktar Zallaqaa Tamasgeen, Pireezidaantii Itti aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii dabalatee hoggantoonni olaanoo naannoo fi federaalaa biroon argamaniiru.

Milkiiyaas Addunyaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.