Konfiraansiin misoomaa fi nageenyaa Godina Arsiitti taa’amaa jira
Finfinnee, Sadaasa 27, 2018 (FMC) – Konfiraansiin misoomaa fi nageenyaa Godina Arsii bulchiinsa magaalaa Asallaatti gaggeeffamaa jira.
Itti Gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa obbo Kaffaaloo Tafarraa, Raayyaa Ittisa biyyaatti Ajajaa Ajaja Kibbaa Leetanaal Jeneraal Salamoon Ittafaa hoggantoota Godinichaa dabalatee Abbootiin Gadaafi haadholiin siinqee, abbootiin amantaa, kuteen hawaasaa Aanaaleefi bulchiinsa magaalota godinichaa irraa walitti babba’an koonfiransicharratti hirmaatanii jiru.
Bulchaan godina Arsii obbo Ibraahim Kadiir godinichi Omishaafi Omishtummaan Diinagdee biyyaa utubuu keessatti gahee olaanaa bahachaa jiraachuu ibsan.
Godinichatti hojiin manneen barnootaa babal’isuu,Inisheetiivii fayyaa waliin gahuu fi bu’uuraalee misoomaa guutuu hojjetamaa jiraachuu eeran.
Ummata godinichaa hariiroo hawaasummaan cimaa waliin kan qabu, aadaa fi safuu walii kan kabaju, amantaa walii tiksuun fakkeenya ta’uu himan.
Gaaffilee bu’uraaleen misoomaa ummanni gaafatu deebisuuf nageenya waaressuun murteessaa waan ta’eef ummata bal’aa dabalatee abbootiin Gadaafi haadholiin siinqee mootummaa waliin ta’uun nageenya godinichaa waareessuu dubbatan.
Olyaad Ahmadiin
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.