Konfiraansiin Sodaa Balaa Afrikaa Finfinneetti gaggeeffamuufi
Finfinnee, Bitooteessa 28, 2018 (FMC) – Konfiraansiin Sodaa Balaa Afrikaa Bitootessa 30 eegalee Finfinneetti gaggeeffamuuf ta’uu Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa Itiyoophiyaa ibseera.
Konfiraansii biyyoonni miseensaa 39 irratti hirmaatan kun Bitootessa 30, 2018 hanga Ebla 1, 2018tti gaggeeffama jedhe.
Afrikaan humna ofiin rakkoolee ishee mudatan ofiin qolachuu akka dandeessu hubannoo fi galteen guddaan kan irraa argamu ta’uu Komishinarri Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa Ambaasaaddar Dooktar Shifarraaw Taklamaariyaam ibsaniiru.
Itiyoophiyaan hojiin misooma Ashaaraa Magariisaa, wabii nyaataa mirkaneessuu, deeggarsa namoomaa fi kanneen biroorratti hojjette yaa’icha akka qopheessituuf filatamuu eeran.
Namoonni 300 ol yaa’icharratti ni hirmaatuun eegama.
Konfiraansiin addunyaalessaa Itiyoophiyaan keessummeessaa jirtu yeroo gara yerootti dabalaa jiraachuu hordofee bu’aan hedduun gama kanaan argamaa jiraachuus himan.
Baayiluu Baaneetu gabaase
#Oromia #Ethiopia