Fana: At a Speed of Life!

Konkolaachisaan mirkaneessa madaallii gahumsa ogummaa hin qabne konkolaachiisuu hin danda’u –Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii

Finfinnee, Ebla 29, 2017 (FMC) –Bara kanaa eegalee Sadarkaa biyyaalessaatti mirkaneessi madaalli gahuumsa ogummaa Konkolaachiistootaa kan eegalamu ta’uu Ministeerri Geejjibaa fi Loojistiksii beeksise.

Sababni mirkaanessa madaallii gahuumsa ogummaa kennuun barbaachiiseef biyyattiitti balaa tiraafikaa mudatuun %83 kan qaqqabu konkolaataa fi konkolaachisaan waan wal qabatuuf ta’uu ibseera.

Kana hordofee bara kana madaaliin konkolaachiistoota hojirra jiraniin kan eegalamu ta’uu Gorsaan Ministir Deetaa Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii Asaffaa Haddis himaniiru.

Haaluma kanaan konkolaachiistoonni geejjiba ummataa kennanii fi fe’uumsa gogaa sadarkaa 1ffaa hanga 3ffaa jiran akkasumas konkolaachiistoota konkolaataa fe’uumsa dhangala’aa sadarkaa 1ffaa hanga 2ffaaf madaalliin gahuumsa ogummaa kan kennamu ta’uu dubbataniiru.

Madaalliin gahuumsa ogummaa osoo hin kennamin dura leenjiin ogummaa kan kennamu ta’uus ibsaniiru.

Leenjiichan booda mirkaneessi madaallii gahuumsa ogummaa (COC) akka fudhatanii fi kanneen qormaata darban immoo eeyyamni konkolaachiisummaa isaanii sadarka Idil Addunyaatti fudhatamummaa argatas jedhan.

Gama biraatiin konkolaachiftoonni qormaata madaallii gahumsa ogummaa hin darbine irra deebiin leenjii fudhachuun akka qoraman himaniiru.

Bu’uuruma kanaan konkolachiisaan mirkaneessa madaallii gahuumsa ogummaa hin qabne konkolaachiisuu akka hin dandeenye eeraniiru,.

Madaalliin gahumsa ogummaa kun gara fuulduraatti taaksii dabalatee konkolaachiftoota biroo irratti hojiirra kan oolu ta’uu akeekaniiru.

Masaafinti Iyyaayyuutu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.