Konkolaattoonni Elektirikaa ijaarsa Diinagdee Magariisaaf gumaacha taasisaa jiru
Finfinnee, Adoolessa 29, 2017 (FMC) – Konkolaattoonni Elektirikaa ijaarsa Diinagdee Magariisaaf gumaacha taasisaa jiru jedhe Ministeerri Geejjibaa fi Loojistiksii.
Itiyoophiyaan gadi lakkifama kaarbanii hi’isuuf waliigaltee jijjiirama qabeenya qilleensaa Paaris fudhachuun hojiirra oolchaa jiraachuu ogeessi olaanaan jijjiirama qabeenya qilleensaa ministeerichaa Yizangaaw Yitaayihi Faanaa Diijitaalitti himaniiru.
Mootummaan Konkolaattoonni Humna Elektirikaan hojjetan bal’inaan alaa akka galan haala mijeessurra darbee biyya keessattis akka walitti hidhaman hojii hojjetameen bu’aan argamaa jiraachuu dubbatan.
Finfinnee dabalatee Awutoobisoonni Elektirikaa tajaajila geejjiba heddummataa kennuu eegaluu ibsan.
Kanaanis Konkolaattoonni Elektirikaa ijaarsa Diinagdee Magariisaaf gumaacha taasisaa jiraachuu dubbatan.
Miikiyaas Ayyalaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.