Kooriyaan Kibbaa barattoonni manneen barnootaa keessatti bilbila akka hinqabanne dhorkite
Finfinnee, Hagayya 21, 2017 (FMC) – Kooriyaan Kibbaa barattoonni barnootarra utuu jiranii bilbila akka hinfayyadamne seera dhorku raggaasisteetti.
Seerri kun bara faranjootaa 2026 hojiirra ooluu eegala jedhameera.
Seerichi kan ba’e ijoollee fi daa’imman araada bilbilaaf saaxilamuun qorannoon waan mirkanaa’eef barattoota araada kanarraa eeguuf akka ta’e himameera.
Seera-baastonni, maatiiwwanii fi barsiisonni biyyattii bilbilli yeroo barattootaa saamuun qabxii isaanii irratti dhiibbaa geessisaa akka jiru dubbataniiru
Seera kana cinattis gorsa xiinsammuu kennuun barbaachisaa akka ta’e eerameera.
Akka qorannoon mootummaa biyyattiin geggeeffame mul’isutti, uummata biyyattii keessaa %25 araada bilbilaa qabamee kan jiru yoo ta’u, daa’imman umurii waggaa 10-19 keessaa ammoo %43 araada bilbila kanaan qabamanii akka jiran mirkanaa’uu isaa BBC’n gabaaseera.
Mikiyaas Ayyalaatiin
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.