Fana: At a Speed of Life!

Koorporeeshinichi galii Birrii biiliyoona 4 argate

Finfinnee, Adoolessa 22, 2017 (FMC) – Koorporeeshiniin Misooma Paarkiiwwan Indaastirii Itiyoophiyaa bara baajataa xumurame galii Birrii biiliyoona 4 argadhe jedhe.

Koorporeeshinichi raawwii hojii bara baajataa 2017 gamaaggamaa jira.

Bara baajatichaa oomishaalee alaa galan bakka bu’an oomishaaleen Birrii biiliyoona 18 olitti tilmaamaman Zoonii Diinagdee Addaa 11 fi Paarkiiwwan Indaastirii lama keessatti oomishamuu Hojii Raawwachiisaa Olaanaan koorporeeshinichaa Dooktar Fissahaa Yittaagasuun ibsaniiru.

Dabalataan walitti hidhamiinsa gabaa Birrii biiliyoona 6 uumuuf karoorfamee kan Birrii biiliyoona 14tti tilmaamamu uumamuu eeran.

Lammiilee kuma 48 fi 900’f carraan hojii uumamuus kaasaniiru.
Oomishaalee alatti ergamanirraa galiin Doolaarri miiliyoonni 100 fi miiliyoonni 24 argamuu eeran.

Bariisaa Hayilamaaramtu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.