Fana: At a Speed of Life!

Korichi kaadhimatoota ifoomse

Finfinnee, Caamsaa 13, 2017(FMC)-Koreen Kaadhimamtoota Hoggansa Boordii Filannoo Biyyaalessaa kaadhimatoota filaman ifoomse.

Walitti Qabaan Korichaa Lubni Taagaay Taaddalaan, hojiin dorgomtoota dhiyaatan adda baasuu erga xumurameen booda kaadhimatoonni xumuraa 6 filatamuu ibsaniiru.

Kaadhimatoonni kunneenis obbo Tasfaayee Niwaay, obbo Takliit Yimsal, Dooktar Yaared Habtamaariyaam, Aadde Naasii Alii, Aadde Daaroo Jamaafi Aadde Fireehiywoot Girmaa ulaagaa waan guutaniif filatamuu eeraniiru.

Kadhimatoonni filataman filannoo amansiisaan akka gaggeeffamuuf  akka hojjetaniifi paartii siyaasaa kami irraayyuu walaba ta’uusaanii Lubni Taagaay dubbataniiru.

Korichi Bitootessa 17, 2017 Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadiin hundaa’ee kaadhimamtoonni dhiyaatan bu’uura labsichaan hojiin adda baasuu hojjetamaa turuu yaadachiisaniiru.

Walqixxummaan sabaafi koorniyaa akka jiraatuufi hirmaachisaa akka ta’uuf hojjetamaa akka ture eeraniiru.

Kaadhimatoonni dhiyaatan kunneen Ministira Muummeef kan dhiyaatan yoo ta’u, Ministirri Muummees Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataaf dhiyeessuun jahaan isaanii keessaa sadii miseensota Boordii Filannoo Biyyaalessaa yeroo turtii isaanii xumuran bakka buufamu.

Wandimmaaganyi Tsaggaayeen.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.