Korpooreeshinichi FMC’f beekamtii kenne
Finfinnee, Bitootessa 22, 2018 (FMC) – Hundeeffama waggaa 50ffaa isaa kabajachaa kan jiru Korpooreeshiniiin Manneen Federaalaa Faanaa Miidiyaa Korpooreeshiniif badhaasaa fi beekamtii kenneera.
Korpooreeshinichi hundeeffamaa waggaa 50ffaa isaaf gahee FMC’n bahateef badhaasicha kennuu ibseera.
Faanaa Miidiyaa Korpooreeshiniin hundeeffama Korpooreshinicharraa hanga waggaa 50ffaa isaatti Dokumeentarii hojjechuuf guyyichaa daawwannaaf dhiyeesseera.
Sagantaan cuufinsa guyyaa hundeeffama waggaa 50ffaa Korpooreeshichaa gaggeeffamaa jira.
Guyyaan hundeeffama korporeeshinichaa sagantaalee seenaa isaa darbe yaadataniin kabajamaa kan ture yoo ta’u, dhaabbata ldaa irraa gara miindaatti jijjiirame ta’uu isaa qabatamaatti mul’iseedha.
Sagantaan xumuraa, dhaabbatichi guddina agarsiise itti fufsiisuu fi gamoowwan daldalaa fi manneen jireenyaa babal’isuun lammiilee fayyadamoo taasisuuf kutannoon hojjechuu akka itti fufu ibsameera.
Taammiraat Dalalliitu gabaase.