Korporeeshiniin Manneen Federaalaa gamoo abbaa darbee 27 eebbisiise
Finfinnee, Bitootessa 19, 2018(FMC) – Korporeeshiniin Manneen Federaalaa gamoo abbaa darbee 27 Finfinnee naannawaa Somaalee Taraa jedhamutti ijaarsise eebbisiiseera.
Gamichi bakka Itti Gaafatamtuun Waajjira Ministira Muummee fi Ministirri Dhimmoota Kaabinee fi Walitti Qabduun Korporeeshinichaa Alamtsahaay Phaawuloosii fi Hojii Raawwachiisaa olaanaan Korporeeshinichaa Dooktar Rashiid Kamaal argamanitti eebbifameera.
Korporeeshiniin Manneen Federaalaa guyyaa hundeeffama isaa waggaa 50ffaa mataa duree ‘Boqonnaa Haaraan Egeree fooyya’aaf’ jedhuun qophiilee adda addaan kabajaa jira.
Gamoon ammayyaa Manneen jireenyaa fi Daldalaaf ijaarame kunis milkaa’ina korporeeshinichaa keessaa qaama tokko ta’uutu ibsame.
#Oromia #Ethiopia