Korporeeshiniin Manneen Federaalaa gamoo ammayyaa Birbirsa Goorootti ijaarsise eebbisiise
Finfinnee, Bitootessa 19, 2018(FMC) – Korporeeshiniin Manneen Federaalaa gamoo ammayyaa daldala Warqeef akka oolu Birbirsa Goorootti ijaarsise eebbisiiseera.
Gamichi bakka Itti Gaafatamtuun Waajjira Ministira Muummee fi Ministirri Dhimmoota Kaabinee fi Walitti Qabduun Korporeeshinichaa Alamtsahaay Phaawuloosii fi Hojii Raawwachiisaa olaanaan Korporeeshinichaa Dooktar Rashiid Kamaal argamanitti eebbifameera.
Guyyaa hundeeffama isaa waggaa 50ffaa kabajaa kan jiru Korporeeshiniin Manneen Federaalaa, gamoo ammayyaa daldala Warqeef oolu kana eebbisuun gammachuu guddaa ta’uutu ibsame.
Gamoon daldalaa kun fuulaa haaraa Birbirsa Gooroorratti kan ijaarame yoo ta’u, pirojektii guddaa fedhii daldalaa misooma koridoorii magaalattii hordofee uumamuuf deebii kan kennu gamoo bareedina naannawaa sanaa dabaluudha.